Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Mudaa Malee

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 5 waa'ee Mudaa Malee dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fiiliphisiyuus 2:15

kunis akka isin dhaloota micciiramaa fi jalʼaa kana gidduutti akkuma ifaa addunyaa keessatti ibsitaniif, akka warra mudaa hin qabnee fi qulqullaaʼoo, ijoollee Waaqaa warra yakka hin qabnes taataniif,

02 1 Tasaloniiqee 5:23

Waaqni mataan isaa, Waaqni nagaa guutumaan guutuutti isin haa qulqulleessu. Hafuurri keessan, lubbuun keessanii fi dhagni keessan guutuun guyyaa Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos dhufutti mudaa irraa haa eegaman.

03 Iyyoob 1:1

Biyya Uuzi jedhamu keessa nama Iyyoob jedhamu tokkotu ture. Namichi kunis nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Waaqa sodaatuu fi hammina irraa fagaate ture.

04 Luqaas 1:6

Lamaan isaanii iyyuu ajajaa fi seera Gooftaa hunda mudaa malee eeguudhaan fuula Waaqaa duratti qajeeltota turan.

05 2 Phexros 3:14

Kanaafuu yaa michoota jaallatamoo, isinis sababii waanuma kana eeggataniif akka warra xurii fi hirʼina hin qabne, warra nagaan isa wajjin jiraatan taataniif yaalii isinii dandaʼame hunda godhaa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban