Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Dhugaa Dubbachuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Dhugaa Dubbachuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fakkeenya 12:22

Waaqayyo arraba sobu ni jibba; warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada.

02 Fakkeenya 11:1

Waaqayyo madaalii hin amanamne ni balfa; madaalii dhugaatti immoo ni gammada.

03 Efesoon 4:25

Kanaafuu waan nu hundi miseensa walii taaneef tokkoon tokkoon keessan soba of keessaa baastanii ollaa keessanitti dhugaa dubbachuu qabdu.

04 Zakkaariyaas 8:16

Wanni isin gochuu qabdan kana: Dhugaa walitti dubbadhaa; karra keessan duratti murtii dhugaa fi nagaa kennaa;

05 2 Qorontos 8:21

Nu utuu fuula Gooftaa qofa duratti hin taʼin fuula namootaa durattis waan qajeelaa hojjechuuf tattaaffanna.

06 Fakkeenya 16:13

Mootonni afaan dhugaa dubbatutti ni gammadu; isaan nama dhugaa dubbatu ni jaallatu.

07 Qolosaayis 3:9

Wal hin sobinaa; isin eenyummaa keessan isa moofaa sana hojii isaa wajjin of irraa baaftanii

08 Lewwota 19:11

“ ‘Hin hatinaa. “ ‘Hin sobinaa. “ ‘Walis hin gowwoomsinaa.

09 Fakkeenya 19:1

Gowwaa daba dubbatuu mannaa hiyyeessa amanamummaadhaan jiraatu wayya.

10 Ibroota 13:18

Isin Waaqa nuu kadhadhaa. Nu akka karaa hundumaan qalbii qulqulluu qabnuu fi akka jireenya kabajamaa jiraachuu hawwinu mirkaneeffanneerra.

11 Fakkeenya 24:26

Deebiin qajeelaan, akkuma hidhii dhungachuu ti.

12 Roomaa 12:17

Nama kamiif iyyuu hammina hamminaan hin deebisinaa. Nama hunda duratti waan gaarii hojjedhaa.

13 Fakkeenya 20:23

Waaqayyo madaalii jalʼaa ni balfa; safartuu sobaattis hin gammadu.

14 Faarfannaa 34:13

Arraba kee waan hamaa irraa, afaan kees soba dubbachuu irraa eeggadhu.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban