Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Qajeelummaan Deemuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 15 waa'ee Qajeelummaan Deemuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Waaqayyo Waaqni aduu fi gaachanaatii; Waaqayyo surraa fi ulfina ni kenna; inni toloota waan gaarii hin dhowwatu.
Yaa Waaqayyo, eenyutu dunkaana kee keessa jiraata? Eenyutu tulluu kee qulqulluu sana irra jiraachuu dandaʼa? Nama adeemsi isaa mudaa hin qabnee fi nama waan qajeelaa hojjetu, nama garaa isaatii dhugaa dubbatuu fi
Inni qajeeltotaaf ogummaa dhugaa kuusa; warra adeemsi isaanii mudaa hin qabneef gaachana;
Namni adeemsi isaa mudaa hin qabne nagumaan jiraata; kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu boollatti kufa.
Yaa nama, inni waan gaarii si argisiiseera. Waaqayyo maal sirraa barbaada? Murtii qajeelaa kennuu fi araara jaallachuu, akka ati gad of qabdee Waaqa kee wajjin deemtu sirraa barbaada mitii?
Namni amanamaan sodaa malee deema; kan karaa isaa jalʼisu garuu ni saaxilama.
Namni gorsa hamootaatiin hin deddeebine, yookaan karaa cubbamootaa irra hin dhaabanne, yookaan barcuma qoostotaa irra hin teenye, eebbifamaa dha.
Amanamummaan tolootaa isaan dura deema; warri hin amanamne garuu dabuma isaaniitiin badu.
Warri jireenyi isaanii mudaa hin qabne, kanneen akka seera Waaqayyootti jiraattan eebbifamoo dha.
Namni qajeelummaan jiraatu Waaqayyoon sodaata; kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu isa tuffata.
Nama mudaa hin qabne yaadatti qabadhu; tolootas ilaali; sanyiin nama nagaa hin baduutii.
Namni qajeelummaan jiraatee dhugaa dubbatu, kan faayidaa karaa dabaatiin argamu lagatee harka isaa mattaʼaa fudhachuu irraa eeggatu, namni marii nama ajjeesuu irraa gurra isaa cuqqaallatee jalʼina ilaaluu irraa ija isaa dunuunfatu, iddoo ol kaʼaa irra jiraata; daʼannoon isaas kattaa jabaa taʼa. Buddeenni isaaf ni kennama; bishaanis isatti hin hirʼatu.
Namni qajeelaan amanamummaadhaan jiraata; ijoolleen isaa warri booddee dhalatanis ni eebbifamu.
Qajeelummaatu nama tolaa tiksa; hamminni garuu cubbamaa galaafata.
Garuu akkuma inni ifa keessa jiru sana, nus yoo ifa keessa deddeebine walii wajjin tokkummaa qabna; dhiigni Ilma isaa Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa.