Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Qulqullummaa Saalaa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Qulqullummaa Saalaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Halalummaa irraa baqadhaa. Namni cubbuu biraa hunda dhagna isaatii alatti hojjeta; namni halalummaa hojjetu garuu dhagnuma ofii isaatti cubbuu hojjeta.
Fedhiin Waaqaa akka isin qulqullooftanii dha; kunis akka isin halalummaa irraa fagaattaniif; tokkoon tokkoon keessan akkamitti akka karaa qulqulluu fi ulfina qabeessa taʼeen dhagna keessan eeggattan beekuu qabdu;
Fuudhaa fi heerumni nama hunda biratti haa kabajamu; sireen fuudhaa fi heerumaas qulqulluu haa taʼu; Waaqni ejjitootaa fi sagaagaltootatti ni muraatii.
Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Waaqa irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti; isin gatiin bitamtan; kanaafuu dhagna keessaniin Waaqaaf ulfina kennaa.
Burqaan kee haa eebbifamu; niitii dargaggummaa keetiitti gammadi. Isheen miidhagduu akka borofaa, bareedduu akka gadamsaa ti; harmi ishee yeroo hunda sitti haa tolu; yeroo hunda jaalalli ishee si haa boojiʼu.
kunis akka ormoota Waaqa hin beekneetti hawwii fooniitiin hin taʼin;
“Ani ija koo wajjin kakuu galeera; yoos ani akkamiin hawwiidhaan gara durbaa ilaala ree?
Atis hawwii hamaa yeroo dargaggummaa irraa baqadhu; warra garaa qulqulluun Gooftaa waammatan wajjin qajeelummaa, amantii, jaalalaa fi nagaa duukaa buʼi.
Hojiiwwan fooniis beekamoo dha; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa fi jireenya gad dhiisii, waaqota tolfamoo waaqeffachuu, falfala hojjechuu, jibba, aarii, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, wal loluu, gargar baʼuu, weennoo, machii, addaggummaa fi kanneen kana fakkaatan. Ani akkuman kanaan dura godhe sana akka warri waan akkanaa hojjetan mootummaa Waaqaa hin dhaalle isinin akeekkachiisa.
Garuu waaʼeen halalummaa yookaan xuraaʼummaa gosa kamii iyyuu yookaan waaʼeen doqnummaa gidduu keessanitti hin dhagaʼamin; wanni akkasii qulqulloota Waaqaa biratti hin barbaachisuutii.
Ani garuu isinittin hima; namni hawwiidhaan dubartii ilaalu hundinuu yaada isaatti ishee wajjin ejjeera.