Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Qulqullummaa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Qulqullummaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Warri garaan isaanii qulqulluu eebbifamoo dha; Waaqa ni arguutii.
Dhuma irrattis yaa obboloota, wanni dhugaa taʼe kam iyyuu, wanni ulfina qabeessa taʼe kam iyyuu, wanni qajeelaa taʼe kam iyyuu, wanni qulqulluu taʼe kam iyyuu, wanni jaallatamaa taʼe kam iyyuu, wanni gurra namaatti tolu kam iyyuu, wanni gaarii taʼe yookaan galateeffamaa taʼe kam iyyuu yoo jiraate isin waan akkanaa yaadaa.
Ati dubbiidhaan, amalaan, jaalalaan, amantii fi qulqullinaan warra amananiif fakkeenya taʼi malee namni tokko iyyuu dargaggummaa kee hin tuffatin.
Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi; Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi.
Warra qulqullaaʼoof wanni hundinuu qulqulluu dha; warra xuraaʼoo fi warra hin amanneef garuu wanni tokko iyyuu qulqulluu miti. Dhugumaanuu yaadni isaaniitii fi qalbiin isaanii xuraaʼeera.
Atis hawwii hamaa yeroo dargaggummaa irraa baqadhu; warra garaa qulqulluun Gooftaa waammatan wajjin qajeelummaa, amantii, jaalalaa fi nagaa duukaa buʼi.
Namni akkasitti isa abdatu hundinuu akkuma inni qulqulluu taʼe sana of qulqulleessa.
Waaqatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.