Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waan Hunda Ulfina Waaqayyootiif Godhaa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Waan Hunda Ulfina Waaqayyootiif Godhaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Kanaafuu yoo nyaattan yookaan yoo dhugdan yookaan yoo waanuma fedhe illee hojjettan waan hunda ulfina Waaqaatiif hojjedhaa.
Dubbiinis taʼu hojiidhaan, waan hojjettan kam iyyuu maqaa Gooftaa Yesuusiin hojjedhaa; isumaanis Waaqa Abbaa galateeffadhaa.
Waan hojjettan hunda akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa;
Namni dubbatu kam iyyuu akka nama dubbii Waaqaa dubbatuutti haa dubbatu. Namni tajaajilu kam iyyuu akka Waaqni waan hunda keessatti karaa Yesuus Kiristoosiin galateeffamuuf jedhee jabina Waaqni isaaf kenneen haa tajaajilu. Ulfinnii fi humni bara baraa hamma bara baraatti isaaf haa taʼu. Ameen.
Akka namoonni hojii keessan isa gaarii arganii abbaa keessan kan samii irraatiif ulfina kennaniif ifni keessanis akkasuma fuula namootaa duratti haa ifu.
Wanti hundinuu isa irraa dhufe; isumaan dhufe; isaaf dhufe. Bara baraan ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.
akka ulfinaa fi galata Waaqaatiifis iji qajeelinaa kan karaa Yesuus Kiristoosiin argamuun guutamtaniif.
isin gatiin bitamtan; kanaafuu dhagna keessaniin Waaqaaf ulfina kennaa.
Nuuf miti; yaa Waaqayyo, nuuf miti; garuu jaalalaa fi amanamummaa keetiif jedhiitii maqaa keetiif ulfina kenni.
Ayyaanni namoota hedduu waliin gaʼaa jiru kun ulfina Waaqaatiif galata guutee dhangalaʼu akka fiduuf wanni kun hundi buʼaa keessaniif taʼe.