Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Warra Kaan Dursuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Warra Kaan Dursuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

Caqasoota 12 hunda dabali Isaan qalbeeffachuuf herrega bilisaa uumi.
01 Fiiliphisiyuus 2:4 Caqasa ijoo

Tokkoon tokkoon keessan waan warra kaaniifis taʼu malee waan isin qofaaf taʼu hin ilaalinaa.

02 Roomaa 12:10

Jaalala obbolummaatiin jabeessaa wal jaalladhaa. Ulfina walii kennuutti wal dorgomaa.

03 1 Qorontos 10:24

Namni tokko iyyuu waan warra kaaniif gaarii taʼe barbaaduu qaba malee waan ofii isaatiif gaarii taʼe barbaaduu hin qabu.

04 Fiiliphisiyuus 2:3

Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa.

05 Galaatiyaa 6:2

Isin baʼaa walii baadhaa; akkasiin isin seera Kiristoos ni eegdu.

06 1 Qorontos 13:5

Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu.

07 Roomaa 15:1-2

Nu warri jajjaboo taane, dadhabbii warra dadhaboo baachuu qabna malee ofuma gammachiisuu hin qabnu. Tokkoon tokkoon keenya ollaa keenya ijaaruuf, akka isatti toluuf waan isa gammachiisu gochuu qabna.

08 Maarqos 9:35

Yesuusis taaʼee warra kudha lamaan waamee, “Namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu nama hundaa gadii fi tajaajilaa nama hundaa taʼuu qaba” jedheen.

09 Yohannis 15:13

Eenyu iyyuu jaalala guddaa kan namni lubbuu isaa dabarsee michoota isaatiif kennu sana irra caalu hin qabu.

10 Fiiliphisiyuus 2:5-7

Yaadni Kiristoos Yesuus keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu. Inni utuma bifa Waaqaatiin jiruu, wal qixxummaa Waaqa wajjin qabu akka waan irraa fudhatameetti hin lakkoofne; qooda kanaa inni bifa garbaa uffatee fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godhe.

11 1 Qorontos 10:33

kunis akkuma ani nama hunda karaa hundaan gammachiisuuf yaalii godhutti jechuu dha. Ani akka isaan fayyaniif buʼaa namoota baayʼeetiif malee buʼaa kootiif jedhee waan kana hin godhu.

12 Roomaa 12:16

Walii galteedhaan wajjin jiraadhaa. Warra jireenya gad aanaa jiraatan wajjin jiraadhaa malee hin koorinaa. Of hin tuulinaa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban