Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Garraamummaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Garraamummaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fiiliphisiyuus 4:5

Garraamummaan keessan nama hundumaa biratti haa beekamu. Gooftaan dhiʼoo jira.

02 Galaatiyaa 5:22-23

Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.

03 Qolosaayis 3:12

Kanaafuu isin akkuma warra Waaqaaf filatamanii qulqullaaʼanii fi jaallatamaniitti, gara laafummaa, arjummaa, gad of qabiisa, garraamummaa fi obsa qabaadhaa.

04 Fakkeenya 15:1

Deebiin laafaan dheekkamsa qabbaneessa; jechi hamaan garuu aarii kakaasa.

05 2 Xiimotewos 2:24

Garbichi Gooftaa kan nama hundumaaf garaa laafu, kan barsiisuu dandaʼuu fi obsa qabeessa taʼuu qaba malee kan namaan wal lolu taʼuu hin qabu.

06 Tiitoo 3:2

akka isaan maqaa nama tokko illee hin balleessine, akka namoota nagaatii fi obsa qabeeyyii taʼan, akka nama hundaaf garraamummaa argisiisanis yaadachiisi.

07 1 Phexros 3:15

Garuu garaa keessan keessatti Kiristoos Gooftichaaf ulfina guddaa kennaa. Nama sababii abdii isin qabdan sanaa isin gaafatu kamiif iyyuu deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼaa. Waan kana immoo garraamummaa fi sodaan godhaa;

08 Maatewos 11:29

Waanjoo koo baadhaa; narraas baradhaa; waan ani garraamii fi gad of qabeessa taʼeef isin lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattu.

09 Efesoon 4:2

Guutumaan guutuutti gad of qabaa; garraamota taʼaa; obsa qabaadhaa; jaalalaanis wal dandaʼaa.

10 1 Xiimotewos 6:11

Ati garuu yaa nama Waaqaa, waan kana hunda irraa baqadhu; qajeelummaa, Waaqatti buluu, amantii, jaalala, obsaa fi garraamummaa duukaa buʼi.

11 Yaaqoob 3:17

Ogummaan samii irraa dhufu garuu duraan dursee qulqulluu dha; akkasumas nagaa qabeessa; garraamii dha; ajajamaa dha; kan araaraa fi ija gaariin guutamee dha; wal caalchisuu fi itti fakkeessuus of keessaa hin qabu.

12 Fakkeenya 25:15

Obsaan bulchaa tokko garaa laafifachuun ni dandaʼama; dubbiin malaan dubbatame lafee ni cabsa.

13 1 Tasaloniiqee 2:7

nu garuu akkuma haadha daaʼimman ishee kunuunfattu tokkoo taane. Garraamummaadhaan gidduu keessan jiraanne.

14 Isaayyaas 40:11

Inni akkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa tikfata; xobbaallaawwan hoolaas irree isaatiin walitti qaba; ofitti qabees qoma isaatti hammata; haadhota hoolotaa warra hoosisanis suutuma oofa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban