Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waaqayyo Gad of Deebistoota Ol Kaasa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Waaqayyo Gad of Deebistoota Ol Kaasa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

Caqasoota 14 hunda dabali Isaan qalbeeffachuuf herrega bilisaa uumi.
01 1 Phexros 5:6 Caqasa ijoo

Kanaafuu akka Waaqni yeroo malutti ol isin qabuuf, harka isaa humna qabeessa sana jalatti gad of qabaa.

02 Yaaqoob 4:10

Fuula Gooftaa duratti gad of qabaa; inni immoo ol isin qabaa.

03 Luqaas 14:11

Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu hundinuu immoo ol qabama.”

04 Maatewos 23:12

Namni ol of qabu kam iyyuu gad qabamaatii; namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol qabama.

05 Fakkeenya 29:23

Of tuulummaan namaa isuma gad deebisa; namni hafuuraan gad of qabu garuu ulfina argata.

06 Maatewos 18:4

Kanaaf namni akka daaʼima kanaa gad of qabu kam iyyuu mootummaa samii keessatti nama hunda caala.

07 Faarfannaa 138:6

Waaqayyo yoo ol fagoo jiraate iyyuu, nama gad qabame ni ilaala; nama of tuulu immoo fagootti beeka.

08 Fakkeenya 18:12

Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula; gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa.

09 Isaayyaas 57:15

Inni guddaanii fi ol ol jedhe, kan bara baraan jiraatuu fi kan maqaan isaa qulqulluu jedhamu sun akkana jedha: “Ani iddoo ol kaʼaa fi iddoo qulqulluu irra nan jiraadha; hafuura warra gad qabamanii bayyanachiisuuf, garaa warra gad of qabanii jajjabeessuuf garraamii fi kan hafuuraan gad qabame wajjinis nan jiraadha.

10 Luqaas 1:52

Bulchitoota teessoo isaanii irraa buuseera; gad of qabeeyyii garuu ol kaaseera.

11 Fakkeenya 22:4

Gad of qabiisnii fi Waaqayyoon sodaachuun, qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaa kennu.

12 Faarfannaa 147:6

Waaqayyo warra gad qabaman ni jiraachisa; hamoota garuu lafatti darbata.

13 Yaaqoob 4:6

Inni garuu ayyaana caalu nuuf kenna. Sababiin Katabbiin Qulqulluun, “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna” jedhuufis kanuma.

14 Luqaas 18:14

“Ani isinittin hima; namichi kun namicha duraa irra fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼee mana isaatti gale. Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu garuu ol qabama.”

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban