Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Guddina Mootummaa Keessatti
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Guddina Mootummaa Keessatti dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Isin biratti akkas miti. Qooda kanaa namni isin keessaa nama guddaa taʼuu barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan taʼuu qaba;
Isin keessaa namni hunda keessan caalu tajaajilaa keessan haa taʼu.
Yesuusis taaʼee warra kudha lamaan waamee, “Namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu nama hundaa gadii fi tajaajilaa nama hundaa taʼuu qaba” jedheen.
Isin garuu akkas taʼuu hin qabdan. Qooda kanaa isin keessaa namni nama hunda caalu, akka quxisuu nama hundaa, bulchaan immoo akka tajaajilaa haa taʼu.
Kanaaf namni akka daaʼima kanaa gad of qabu kam iyyuu mootummaa samii keessatti nama hunda caala.
Akkanas jedhe: “Ani dhuguman isinitti hima; isin yoo deebitanii akkuma ijoollee taatan malee gonkumaa mootummaa samiitti hin galtan.
akkanas isaaniin jedhe; “Namni mucaa xinnaa kana maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata; namni na simatus isa na erge sana simata; namni isin hundaa gad taʼe inni hunda caalaatii.”
namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha keessan taʼuu qaba;
Isin biratti akkas miti. Qooda kanaa namni isin keessaa nama guddaa taʼuu barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan taʼuu qaba; namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha nama hundaa taʼuu qaba.