Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Gad of Qabuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 5 waa'ee Gad of Qabuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yaaqoob 4:10

Fuula Gooftaa duratti gad of qabaa; inni immoo ol isin qabaa.

02 Fakkeenya 16:19

Warra of tuulu wajjin boojuu qooddachuu mannaa, hafuuraan gad of qabanii warra cunqurfame wajjin jiraachuu wayya.

03 Isaayyaas 57:15

Inni guddaanii fi ol ol jedhe, kan bara baraan jiraatuu fi kan maqaan isaa qulqulluu jedhamu sun akkana jedha: “Ani iddoo ol kaʼaa fi iddoo qulqulluu irra nan jiraadha; hafuura warra gad qabamanii bayyanachiisuuf, garaa warra gad of qabanii jajjabeessuuf garraamii fi kan hafuuraan gad qabame wajjinis nan jiraadha.

04 Maatewos 23:12

Namni ol of qabu kam iyyuu gad qabamaatii; namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol qabama.

05 Luqaas 14:11

Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu hundinuu immoo ol qabama.”

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban