Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Miilla Dhiquu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Miilla Dhiquu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Yoos erga ani Gooftaa fi Barsiisaan keessan miilla keessan isinii dhiqee, isinis akkasuma miilla walii dhiquu qabdu.
Akkuma ani isinii godhe kana isinis akka gootaniif ani fakkeenya isinii kenneera.
Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; garbichi gooftaa isaa hin caalu; ergamaanis kan isa erge hin caalu.
Yaa obboloota ko, isin akka bilisa taataniif waamamtan. Jaalalaan wal tajaajilaa malee bilisummaa keessan fedhii foonii guutuuf hin oolchinaa.
qooda kanaa inni bifa garbaa uffatee fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godhe.
Ergasii gabateetti bishaan naqatee miilla barattootaa dhiquu fi fooxaa mudhiitti hidhate sanaanis haquu jalqabe.
Phexrosis, “Hin taʼu; ati gonkumaa miilla koo naa hin dhiqxu” jedheen. Yesuusis deebisee, “Yoo ani siif dhiquu baadhe ati na biraa qooda hin qabaattu” jedheen.
Innis erga miilla isaanii dhiqee booddee, uffata isaa uffatee iddoo isaatti deebiʼee taaʼe. Akkanas jedheen; “Isin waan ani isiniif godhe hubattanii? Isin, ‘Barsiisaa’, ‘Gooftaas’ naan jettu; anis waan isuma isin jettan taʼeef isin dhuguma jettan.
Egaa isin yoo waan kana beektanii hojii irra oolchitan isin eebbifamoo dha.
Eenyutu guddaa dha? Nama maaddiitti dhiʼaatu moo nama tajaajilu? Nama maaddiitti dhiʼaatu mitii? Ani garuu isin gidduutti akka tajaajilaa tokkoo ti.
Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”
akkasumas isheen hojii gaarii hojjechuudhaan jechuunis ijoollee guddisuudhaan, keessummaa simachuudhaan, miilla qulqullootaa dhiquudhaan, warra rakkatan gargaaruudhaan, karaa hundumaanis hojii gaarii hojjechuu keessatti of kennuudhaan kan beekamte taʼuu qabdi.
Jaalala obbolummaatiin jabeessaa wal jaalladhaa. Ulfina walii kennuutti wal dorgomaa.