Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Warra Kaan Eebbisuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Warra Kaan Eebbisuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
01 Roomaa 12:14
Warra isin ariʼatan eebbisaa; eebbisaa malee hin abaarinaa.
Hamaa, hamaadhaan hin deebisinaa; yookaan arrabsoo, arrabsoodhaan hin deebisinaa; qooda kanaa eebbisaa. Isinis akka eebba dhaaltaniif kanumaaf waamamtaniitii.
03 Luqaas 6:28
warra isin abaaran eebbisaa; warra isin miidhaniifis kadhadhaa.
“ ‘ “ Waaqayyo si haa eebbisu; si haa eegus; Waaqayyo fuula isaa siif haa ibsu; garaa siif haa laafu. Waaqayyo fuula isaa gara keetti haa deebisu; nagaas siif haa kennu.” ’
Ani garuu isinittin hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin ariʼataniifis kadhadhaa;
06 Uumama 12:2
“Ani saba guddaa sin taasisa; sin eebbisas; maqaa kee illee guddaa nan taasisa; atis eebba taataa.