Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Hamii

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Hamii dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fakkeenya 16:28

Namni jalʼaan lola kakaasa; hamattuun immoo michoota walitti dhiʼaatan gargar baafti.

02 Fakkeenya 11:13

Namni odeessu dhoksaa gad baasa; kan amanamu garuu icciitii eega.

03 Fakkeenya 20:19

Hamattuun icciitii baafti; kanaafuu odeessituu wajjin tokkummaa hin qabaatin.

04 Fakkeenya 26:20

Ibiddi yoo qoraan dhabe ni dhaama; hamiin yoo hin jiraanne, lolli ni qabbanaaʼa.

05 Lewwota 19:16

“ ‘Saba kee gidduutti hamii hin facaasin. “ ‘Waan jireenya ollaa keetii balaa irra buusu hin hojjetin. Ani Waaqayyo.

06 Fakkeenya 18:8

Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti; gara kutaa garaattis gad buʼa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban