Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Guungummii
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 15 waa'ee Guungummii dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Waan hunda guungummii fi falmii malee hojjedhaa;
Isin akka isaan keessaa tokko tokko guungumanii isa nama balleessuun balleeffaman sana hin guunguminaa.
Guungummii malee wal keessumsiisaa.
Sabni sun utuma Waaqayyo isa dhagaʼuu waaʼee rakkina isaa guungume; innis yommuu waan kana dhagaʼetti ni aare. Kana irratti ibiddi Waaqayyoo isaan gidduutti bobaʼee qarqara qubata isaanii gube.
Yaa obboloota, akka isinitti hin muramneef walitti hin guunguminaa. Kunoo, Abbaan Murtii balbala dura dhaabateera.
Museenis akkana jedhe; “Yeroo inni akka isin nyaattaniif galgala foon, ganama immoo buddeena isin barbaaddan hunda isinii kennutti isin akka inni Waaqayyo taʼe ni beektu; inni guungummii isin isatti guungumtan dhagaʼeeraatii. Nu eenyuu dha? Isin Waaqayyotti guungumaa jirtu malee nutti hin guungumne.”
“Waldaan hamaan kun hamma yoomiitti natti guunguma? Ani guungummii Israaʼeloota guungumtoota sanaa dhagaʼeera.
Yoos namni lubbuun jiraatu kam iyyuu maaliif yommuu cubbuu isaatiif adabamutti guunguma ree?
Namoonni kunneen yeroo hunda ni guungumu; komiis ni qabaatu; hawwii isaanii isa hamaa duukaa buʼu; of jaju; faayidaa argachuuf jedhaniis nama saadu.
Waan hunda guungummii fi falmii malee hojjedhaa; kunis akka isin dhaloota micciiramaa fi jalʼaa kana gidduutti akkuma ifaa addunyaa keessatti ibsitaniif, akka warra mudaa hin qabnee fi qulqullaaʼoo, ijoollee Waaqaa warra yakka hin qabnes taataniif,
Dunkaanota isaanii keessatti ni guunguman; Waaqayyoofis hin ajajamne.
Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Walitti hin guunguminaa.
Israaʼeloonni hundinuu Musee fi Aroonitti guunguman; waldaan guutuunis akkana isaaniin jedhe; “Nu utuu biyyuma Gibxitti dhumnee jiraannee! Yookaan utuu gammoojjii kana keessatti dhumnee jiraannee!
Isaanis Museedhaan akkana jedhan; “Ati waan iddoon awwaalaa Gibxi hin jirreef akka nu gammoojjii keessatti dhumnuuf as nu fiddee? Ati Gibxi nu baasuun kee maal nu gochuu kee ti?
Kun hundi akka fakkeenya taʼuuf isaan irratti raawwatame; nuu warra dhumni baraa itti dhufeef immoo akka of eeggannaa taʼuuf barreeffame.