Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Arraba

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Arraba dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yaaqoob 3:5

Akkasuma immoo arrabni kutaa dhagnaa xinnoo dha; waan gurguddaadhaan of jaja. Bosonni hammam guddaa taʼu iyyuu qaanqee ibiddaa xinnaadhaan akka gubatu hubadhaa.

02 Fakkeenya 18:21

Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba; warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu.

03 Yaaqoob 3:6

Arrabni ibidda; kutaawwan dhagnaa keessattis addunyaa hamminaa ti. Inni dhagna guutuu xureessa; adeemsa uumamaattis ibidda qabsiisa; ofii isaatii immoo ibidda gahaannamiitiin gubama.

04 Yaaqoob 1:26

Namni waan amantaa qabu of seʼu, kan garuu arraba isaa hin luugamanne yoo jiraate inni of gowwoomsa; amantaan isaas faayidaa hin qabu.

05 Fakkeenya 21:23

Namni afaan isaatii fi arraba isaa eeggatu, balaa irraa of eega.

06 Fakkeenya 15:4

Arrabni fayyina fidu muka jireenyaa ti; arrabni sobu garuu hafuura cabsa.

07 Efesoon 4:29

Waan nama ijaaruuf gargaaru, akkuma barbaachisaa taʼettis waan warra dhaggeeffataniif ayyaana kennu malee dubbiin hamaan tokko iyyuu afaan keessanii hin baʼin.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban