Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Dubbachuuf Suuta

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Dubbachuuf Suuta dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yaaqoob 1:19

Yaa obboloota koo jaallatamoo, waan kana hubadhaa: Namni hundinuu dhagaʼuutti haa ariifatu; dubbachuuf suuta haa jedhu; aaruuttis suuta haa jedhu;

02 Fakkeenya 10:19

Yoo dubbiin baayʼatu, cubbuun keessaa hin dhabamu; namni arraba isaa eeggatu garuu ogeessa.

03 Fakkeenya 17:28

Gowwaan iyyuu yommuu calʼisu ogeessa fakkaata; yommuu arraba isaa toʼatus hubataa fakkaata.

04 Lallaba 5:2

Fuula Waaqaa duratti waan tokko dubbachuuf afaan keetiin hin jarjarin; garaan kees hin ariifatin. Waaqni samii keessa jira; ati immoo lafa irra jirta; kanaafuu dubbiin kee haa gabaabbatu.

05 Fakkeenya 29:20

Ati nama jarjarsuun dubbatu argitee? Isa irra gowwaatu abdii caalu qaba.

06 Fakkeenya 18:13

Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun, gowwummaa fi qaanii dha.

07 Fakkeenya 15:28

Garaan nama qajeelaa haala ittiin deebii kennu yaada; afaan nama hamaa garuu hammina dhangalaasa.

08 Fakkeenya 13:3

Namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa eeggata; kan of eeggachuu malee dubbatu immoo baduuf ariifata.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban