Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Dubbii Fayyaa Qabu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Dubbii Fayyaa Qabu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Qolosaayis 4:6

Tokkoo tokkoo namaatiif akkamitti akka deebii kennitan akka beektaniif dubbiin keessan yeroo hunda ayyaanaan kan guutame, soogiddaanis kan miʼeeffame haa taʼu.

02 Efesoon 4:29

Waan nama ijaaruuf gargaaru, akkuma barbaachisaa taʼettis waan warra dhaggeeffataniif ayyaana kennu malee dubbiin hamaan tokko iyyuu afaan keessanii hin baʼin.

03 Fakkeenya 15:4

Arrabni fayyina fidu muka jireenyaa ti; arrabni sobu garuu hafuura cabsa.

04 Faarfannaa 19:14

Yaa Waaqayyo, Kattaa koo fi Furii ko, dubbiin afaan kootii fi yaadni garaa koo fuula kee duratti fudhatamaa haa taʼu.

05 Fakkeenya 16:24

Dubbiin nama gammachiisu dhaaba dammaa ti; inni lubbuutti ni miʼaawa; lafees ni fayyisa.

06 Fakkeenya 10:11

Afaan nama qajeelaa burqaa jireenyaa ti; afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa.

07 Fakkeenya 10:20-21

Arrabni nama qajeelaa meetii filatamaa dha; garaan nama hamaa garuu faayidaa xinnoo qaba. Arrabni nama qajeelaa nama hedduu soora; gowwoonni garuu hubannaa dhabiisaan duʼu.

08 Fakkeenya 25:11

Dubbiin yeroo isaatti dubbatame, akkuma hudhaa warqee kan meetii irratti hojjetamee ti.

09 Maatewos 12:34-35

Isin yaa ijoollee buutii nana, isin warri hamoon akkamitti waan gaarii dubbachuu dandeessu? Waan garaa guute afaan dubbataatii. Namni gaariin waan gaarii garaa isaa keessa jiru keessaa waan gaarii baasa; namni hamaan immoo waan hamaa garaa isaa keessa jiru keessaa waan hamaa baasa.

10 Fakkeenya 16:23

Garaan nama ogeessaa arraba isaa qajeelcha; afaan isaas gorsa dabala.

11 Efesoon 5:4

Galateeffachuu malee haasaan qaanii yookaan dubbiin gowwummaa kan faayidaa hin qabne yookaan qoosaan namatti hin tolle isin gidduu hin jiraatin.

12 Fakkeenya 15:23

Namni tokko deebii malu kennuudhaan gammachuu argata; dubbiin yeroo isaatti dubbatamu akkam gaarii dha!

13 Yaaqoob 3:10

Afaanuma tokko keessaa eebbii fi abaarsi baʼa. Yaa obboloota ko, wanni kun akkas taʼuu hin qabu.

14 Fakkeenya 12:14

Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin guutama; hojiin harka namaas isumaaf deebiʼa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban