Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Dubbii Jajjabeessu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Dubbii Jajjabeessu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Efesoon 4:29

Waan nama ijaaruuf gargaaru, akkuma barbaachisaa taʼettis waan warra dhaggeeffataniif ayyaana kennu malee dubbiin hamaan tokko iyyuu afaan keessanii hin baʼin.

02 Fakkeenya 12:25

Garaan yaaddaʼu gad nama deebisa; dubbiin tolaan immoo nama gammachiisa.

03 1 Tasaloniiqee 5:11

Kanaafuu akkuma amma gochaa jirtan kana wal jajjabeessaa; wal ijaaraas.

04 Ibroota 3:13

Garuu isin keessaa akka namni tokko iyyuu gowwoomsaa cubbuutiin mata jabeessa hin taaneef utuu “Harʼa” jedhamaa jiruu guyyuma guyyaan wal jajjabeessaa.

05 Fakkeenya 16:24

Dubbiin nama gammachiisu dhaaba dammaa ti; inni lubbuutti ni miʼaawa; lafees ni fayyisa.

06 Fakkeenya 25:11

Dubbiin yeroo isaatti dubbatame, akkuma hudhaa warqee kan meetii irratti hojjetamee ti.

07 Isaayyaas 50:4

Akka ani warra dadhaban jajjabeessuuf, Waaqayyo Gooftaan arraba barate naa kenneera. Inni ganama ganama na dammaqsa; akka inni akkuma barataa tokkootti dhaggeeffatuufis gurra koo dammaqsa.

08 Qolosaayis 4:6

Tokkoo tokkoo namaatiif akkamitti akka deebii kennitan akka beektaniif dubbiin keessan yeroo hunda ayyaanaan kan guutame, soogiddaanis kan miʼeeffame haa taʼu.

09 Fakkeenya 15:23

Namni tokko deebii malu kennuudhaan gammachuu argata; dubbiin yeroo isaatti dubbatamu akkam gaarii dha!

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban