Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Deebii Garraamummaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 5 waa'ee Deebii Garraamummaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fakkeenya 15:1

Deebiin laafaan dheekkamsa qabbaneessa; jechi hamaan garuu aarii kakaasa.

02 Fakkeenya 25:15

Obsaan bulchaa tokko garaa laafifachuun ni dandaʼama; dubbiin malaan dubbatame lafee ni cabsa.

03 Fakkeenya 16:24

Dubbiin nama gammachiisu dhaaba dammaa ti; inni lubbuutti ni miʼaawa; lafees ni fayyisa.

04 Qolosaayis 4:6

Tokkoo tokkoo namaatiif akkamitti akka deebii kennitan akka beektaniif dubbiin keessan yeroo hunda ayyaanaan kan guutame, soogiddaanis kan miʼeeffame haa taʼu.

05 Fakkeenya 12:18

Dubbiin of eeggannaa hin qabne akkuma goraadee nama waraana; arrabni nama ogeessaa garuu nama fayyisa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban