Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Afaan Kee Eeggadhu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 15 waa'ee Afaan Kee Eeggadhu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

Caqasoota 15 hunda dabali Isaan qalbeeffachuuf herrega bilisaa uumi.
01 Fakkeenya 21:23 Caqasa ijoo

Namni afaan isaatii fi arraba isaa eeggatu, balaa irraa of eega.

02 Faarfannaa 141:3

Yaa Waaqayyo, afaan kootiif eegduu naa dhaabi; balbala afaan kootiis naa eegi.

03 Fakkeenya 13:3

Namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa eeggata; kan of eeggachuu malee dubbatu immoo baduuf ariifata.

04 Yaaqoob 1:26

Namni waan amantaa qabu of seʼu, kan garuu arraba isaa hin luugamanne yoo jiraate inni of gowwoomsa; amantaan isaas faayidaa hin qabu.

05 Faarfannaa 39:1

Ani akkana nan jedhe; “Ani karaa koo nan eeggadha; arraba koos cubbuu irraa nan ittisa; hamma namni hamaan na bira jiruttis, afaan kootti luugama nan kaaʼadha.”

06 Fakkeenya 10:19

Yoo dubbiin baayʼatu, cubbuun keessaa hin dhabamu; namni arraba isaa eeggatu garuu ogeessa.

07 Fakkeenya 17:28

Gowwaan iyyuu yommuu calʼisu ogeessa fakkaata; yommuu arraba isaa toʼatus hubataa fakkaata.

08 Lallaba 5:2

Fuula Waaqaa duratti waan tokko dubbachuuf afaan keetiin hin jarjarin; garaan kees hin ariifatin. Waaqni samii keessa jira; ati immoo lafa irra jirta; kanaafuu dubbiin kee haa gabaabbatu.

09 Maatewos 12:36

Ani garuu isinittin hima; guyyaa murtiitti namoonni dubbii akkuma argan dubbatan hundumatti ni gaafatamu.

10 Fakkeenya 12:18

Dubbiin of eeggannaa hin qabne akkuma goraadee nama waraana; arrabni nama ogeessaa garuu nama fayyisa.

11 Fakkeenya 4:24

Dubbii jalʼinaa afaan kee keessaa balleessi; haasaa hamaas arraba kee irraa fageessi.

12 Yaaqoob 1:19

Yaa obboloota koo jaallatamoo, waan kana hubadhaa: Namni hundinuu dhagaʼuutti haa ariifatu; dubbachuuf suuta haa jedhu; aaruuttis suuta haa jedhu;

13 Fakkeenya 18:21

Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba; warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu.

14 Lallaba 5:6

Afaan kee cubbuu keessa si hin buusin. Ergamaa mana qulqullummaatiinis, “Wareegni koo dogoggora ture” hin jedhin. Waaqni maaliif waan ati jettetti aaree hojii harka keetii balleessa?

15 Fakkeenya 29:20

Ati nama jarjarsuun dubbatu argitee? Isa irra gowwaatu abdii caalu qaba.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban