Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Garraamummaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Garraamummaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Maatewos 5:5

Warri garraamiin eebbifamoo dha; lafa ni dhaaluutii.

02 Galaatiyaa 5:23

garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.

03 Lakkoobsa 12:3

Museen namoota lafa irra jiraatan hunda caalaa nama akka malee gad of qabu ture.

04 1 Phexros 3:4

qooda kanaa miidhaginni keessan miidhagina keessa namummaa keessanii haa taʼu; innis miidhagina hafuura garraamii fi tasgabbaaʼaa, kan hin badne, kan fuula Waaqaa duratti gatii guddaa qabu haa taʼu.

05 Sefaaniyaa 2:3

Isin garraamonni lafaa kanneen waan inni ajaju hojjettan hundi Waaqayyoon barbaaddadhaa. Qajeelummaa barbaadaa; gad of qabiisa barbaadaa; isin guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti ni golbomamtu taʼaatii.

06 Qolosaayis 3:12

Kanaafuu isin akkuma warra Waaqaaf filatamanii qulqullaaʼanii fi jaallatamaniitti, gara laafummaa, arjummaa, gad of qabiisa, garraamummaa fi obsa qabaadhaa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban