Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Yaadni Kiristoos Nu Keessatti
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 15 waa'ee Yaadni Kiristoos Nu Keessatti dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Yaadni Kiristoos Yesuus keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu.
Inni utuma bifa Waaqaatiin jiruu, wal qixxummaa Waaqa wajjin qabu akka waan irraa fudhatameetti hin lakkoofne; qooda kanaa inni bifa garbaa uffatee fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godhe.
“Akka isa barsiisuuf, eenyutu yaada garaa Gooftaa beeke?” Nu garuu yaada garaa Kiristoos qabna.
Waaqni obsaa fi jajjabina namaa kennu sun akka isin yaaduma Kiristoos Yesuus qabaate sana walii qabaattan isin haa gargaaru.
Waan ol gubbaa yaadaa malee waan lafa irraa hin yaadinaa.
Fedhiin Waaqaa gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.
gammachuu koo naa guutaa; yaadaan tokko taʼaa; jaalala tokko qabaadhaa; hafuuraa fi kaayyoon tokko taʼaa.
Kanaafuu waan Kiristoos foon isaatiin dhiphateef isinis yaaduma akkasiitiin hidhadhaa; sababiin isaas inni fooniin dhiphate cubbuu dhiiseera.
hafuura yaada keessaniitiinis haaromfamaa;
Warri akka fooniitti jiraatan waan foonii yaadu; warri akka Hafuuraatti jiraatan garuu waan Hafuuraa yaadu. Yaadni foonii duʼa; yaadni Hafuuraa garuu jireenyaa fi nagaa dha.
Egaa isin erga Kiristoos wajjin kaafamtanii waan ol gubbaa, mirga Waaqaa iddoo Kiristoos taaʼu sana jiru barbaadaa. Waan ol gubbaa yaadaa malee waan lafa irraa hin yaadinaa.
Nu akka waan Waaqni toluma nuu kenne hubannuuf Hafuura Waaqa irraa dhufe arganne malee hafuura addunyaa hin arganne.
Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.
Dhuma irrattis yaa obboloota, wanni dhugaa taʼe kam iyyuu, wanni ulfina qabeessa taʼe kam iyyuu, wanni qajeelaa taʼe kam iyyuu, wanni qulqulluu taʼe kam iyyuu, wanni jaallatamaa taʼe kam iyyuu, wanni gurra namaatti tolu kam iyyuu, wanni gaarii taʼe yookaan galateeffamaa taʼe kam iyyuu yoo jiraate isin waan akkanaa yaadaa.
Mormii fi of tuulummaa beekumsa Waaqaa irratti kaʼu hunda ni diigna; yaada hundas boojinee Kiristoosiif akka ajajamu ni goona.