Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Gad of Deebisuudhaan Uffachuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Gad of Deebisuudhaan Uffachuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Phexros 5:5

Yaa dargaggoota, isinis akkasuma maanguddoota jalatti bulaa. Hundi keessanis tokkoo tokkoo keessaniif gad of qabiisa akka wayyaatti uffadhaa; “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kennaatii.”

02 Qolosaayis 3:12

Kanaafuu isin akkuma warra Waaqaaf filatamanii qulqullaaʼanii fi jaallatamaniitti, gara laafummaa, arjummaa, gad of qabiisa, garraamummaa fi obsa qabaadhaa.

03 1 Phexros 5:6

Kanaafuu akka Waaqni yeroo malutti ol isin qabuuf, harka isaa humna qabeessa sana jalatti gad of qabaa.

04 Fiiliphisiyuus 2:3

Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa.

05 Fakkeenya 11:2

Gaafa of tuuluun dhufu, salphinatu dhufa; gad of qabiisa wajjin immoo ogummaatu dhufa.

06 Yaaqoob 4:6

Inni garuu ayyaana caalu nuuf kenna. Sababiin Katabbiin Qulqulluun, “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna” jedhuufis kanuma.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban