Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Jaalalaan Deemuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Jaalalaan Deemuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Efesoon 5:2

akkuma Kiristoos nu jaallatee nuufis jedhee akka aarsaa fi qalma urgaaʼuutti Waaqaaf of kenne sana isinis jaalalaan deddeebiʼaa.

02 1 Yohannis 4:16

Kanaafuu jaalala Waaqni nuuf qabu beekneerra; amanneerras. Waaqni jaalala. Namni jaalalaan jiraatu Waaqa keessa jiraata; Waaqnis isa keessa jiraata.

03 Efesoon 4:2

Guutumaan guutuutti gad of qabaa; garraamota taʼaa; obsa qabaadhaa; jaalalaanis wal dandaʼaa.

04 1 Qorontos 16:14

Wanni isin hojjettan hundinuu jaalalaan haa taʼu.

05 Yohannis 13:35

Yoo isin jaalala waliif qabaattan namoonni hundinuu akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”

06 Roomaa 13:10

Jaalalli ollaa isaa hin miidhu. Kanaafuu jaalalli raawwii seeraa ti.

07 1 Yohannis 4:7-8

Yaa michoota, jaalalli kan Waaqaa waan taʼeef kottaa wal jaallannaa. Namni jaallatu hundi Waaqa irraa dhalate; Waaqas ni beeka. Sababii Waaqni jaalala taʼeef, namni hin jaallanne hundi Waaqa hin beeku.

08 Qolosaayis 3:14

Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.

09 1 Qorontos 13:4-5

Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu. Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu.

10 Galaatiyaa 5:13

Yaa obboloota ko, isin akka bilisa taataniif waamamtan. Jaalalaan wal tajaajilaa malee bilisummaa keessan fedhii foonii guutuuf hin oolchinaa.

11 Roomaa 12:9-10

Jaalalli keessan itti fakkeessuudhaan hin taʼin. Waan hamaa jibbaa; waan gaariitti maxxanaa. Jaalala obbolummaatiin jabeessaa wal jaalladhaa. Ulfina walii kennuutti wal dorgomaa.

12 1 Tasaloniiqee 3:12

Akkuma jaalalli nu isinii qabnu dabalaa deemu sana Gooftaan jaalala isin walii keessanii fi nama hundaaf qabdan isinii haa guddisuu; haa baayʼisus.

13 2 Yohannis 1:6

Jaalallis kana: kunis ajaja isaa eegnee jiraachuu dha. Akkuma isin durumaa jalqabdanii dhageessan sana ajajni isaa akka isin jaalalaan jiraattanii dha.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban