Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Yesuus Kiristoos
Yesuus onnee Macaafa Qulqulluu guutuu ti — Dubbii foon ta'e, Hoolaa qalame, Gooftaa du'aa ka'e kan furtuu du'aa harkaa qabu. Guutummaan Waaqummaa hundi isa keessa jiraata; karaa isaatiinis Abbaatti araaramfamneerra. Caqasoonni kun eenyummaa isaa, fannoo isaa, du'aa ka'uu isaatii fi jireenya haaraa isa qofa keessatti argamu ibsu.
Eenyummaa Kiristoos
Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.
Guutummaan Waaqummaa hundinuu fooniin Kiristoos keessa jiraataatii;
Jalqabatti dubbiitu ture; dubbichis Waaqa wajjin ture; dubbiin sunis Waaqa ture.
Innis, “Kunoo, durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel jedhu” jedha. Amaanuʼel jechuunis, “Waaqni nu wajjin jira” jechuu dha.
Wantoonni kunneen garuu akka Yesuus inni Kiristoos Ilma Waaqaa taʼe akka amantaniif, amanuudhaanis akka maqaa isaatiin jireenya qabaattaniif barreeffame.
Inni fakkaattii Waaqa hin mulʼanne sanaa ti; uumama hundaafis hangafa.
Wanni hundinuu isumaan uumameetii: Wanni samii keessaa fi lafa irraa, wanni mulʼatuu fi hin mulʼanne, teessoowwan yookaan humnoonni yookaan bulchitoonni yookaan taayitaawwan, wanni hundinuu isumaan, isumaaf uumaman.
Ilmi calaqqisa ulfina Waaqaa ti; eenyummaa Waaqaas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee samii irra mirga Waaqa ulfina qabeessa sanaa taaʼe.
Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Buddeenni jireenyaa ana. Namni gara koo dhufu gonkumaa hin beelaʼu; kan anatti amanus gonkumaa hin dheebotu.
Yesuus ammas, “Ani ifa addunyaa ti. Namni na duukaa buʼu kam iyyuu ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hin deddeebiʼu” jedhee isaanitti dubbate.
Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa Duraatii fi isa Booddee ti; isa Jalqabaatii fi isa Dhumaatis.
Isin burqaa jireenyaa ajjeeftan; Waaqni garuu warra duʼan keessaa isa kaase; nus dhuga baatota waan kanaa ti.
Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.
Fannoo fi Araara
Dubbiin fannoo warra baduuf jiraniif gowwummaadhaatii; nu warra fayyinuuf garuu humna Waaqaa ti.
Isin akka jireenya faayidaa hin qabne kan abbootii keessan irraa dhaaltan irraa waan baduu dandaʼu kan akka meetiitii fi warqeetiin hin furamin beektuutii. Garuu dhiiga gatii guddaa qabu, dhiiga Kiristoos jechuunis hoolaa mudaa yookaan hanqina hin qabne sanaatiin furamtaniirtu.
Guyyaa itti aanutti Yohannis utuu Yesuus gara isaa dhufuu argee akkana jedhe; “Ilaa Hoolaa Waaqaa isa cubbuu addunyaa balleessu!
yoos dhiigni Kiristoos isa karaa Hafuura bara baraatiin aarsaa hirʼina hin qabne taʼee Waaqaaf of dhiʼeesse sanaa akka nu Waaqa jiraataa tajaajilluuf hammam caalaa hojii gara duʼaatti nama geessu irraa qalbii keenya haa qulqulleessuu ree!
Nus isumaan akkuma badhaadhummaa ayyaana Waaqaatti dhiiga isaatiin furama jechuunis, dhiifama cubbuu arganneerra;
Yesuusis dhangaggaaʼaa sana fudhatee, “Raawwateera” jedhe. Mataa buusees hafuura isaa kenne.
Inni garuu sababii yakka keenyaatiif waraaname; balleessaa keenyaafis caccabsame; nu adabamuu isaatiin nagaa arganne; madaaʼuu isaatiin immoo fayyine.
Inni nama biratti tuffatamee jibbame; inni nama gaddaa fi gadadamuun jiraatuu dha. Akkuma nama namoonni fuula isaanii irraa garagalfatanii, inni ni tuffatame; nus ulfina hin kennineef.
Kun hundinuus Waaqa Kiristoosiin ofitti nu araarsee fi tajaajila araaraa nuu kenne sana irraa dhufe;
Dhiiga isaatti amantii qabaachuudhaanis akka inni aarsaa araaraa taʼuuf Waaqni isa dhiʼeesse. Waan kana gochuun isaas cubbuu kanaan dura hojjetame utuu hin adabin waan obsaan bira darbeef qajeelina isaa argisiisuuf jedhee ti;
Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.
Waan, “Namni muka irratti fannifamu kam iyyuu abaaramaa dha” jedhamee barreeffameef, Kiristoos nuuf jedhee abaarsa taʼuudhaan abaarsa seeraa irraa nu fure.
Du'aa Ka'uu fi Du'a Injifachuu
Amma garuu Kiristoos warra boqotaniif hangafa taʼee dhugumaan warra duʼan keessaa kaafameera.
Inni as hin jiru; kaʼeera! Waan inni yeroo isin wajjin Galiilaa turetti isinitti hime sana yaadadhaa.
Egaa isin erga Kiristoos wajjin kaafamtanii waan ol gubbaa, mirga Waaqaa iddoo Kiristoos taaʼu sana jiru barbaadaa.
amma garuu ayyaanni sun dhufaatii Fayyisaa keenya Kiristoos Yesuus isa karaa wangeelaatiin duʼa balleessee jireenyaa fi badiisa ooluu ifatti baase sanaatiin mulʼifameera.
Isa jiraataa dhas; ani duʼeen ture; kunoo, bara baraa hamma bara baraatti nan jiraadha! Furtuu duʼaatii fi kan Siiʼoolis qaba.
Kun hundinuus yeroo dabaree isaatti ni taʼa; Kiristoos hangafticha, ergasii immoo yeroo inni deebiʼee dhufutti warra kan Kiristoos taʼan.
Ani Kiristoosii fi humna duʼaa kaʼuu isaa beekuu, dhiphina isaa keessatti hirmaachuu fi duʼa isaatiinis isa fakkaachuu nan barbaada;
Kanaafuu akkuma Kiristoos ulfina Abbaatiin warra duʼan keessaa kaafame sana nus akka jireenya haaraa jiraannuuf cuuphaadhaan duʼa isaa keessatti hirmaannee isa wajjin awwaalamne.
Yeroo muraasa booddee addunyaan deebiʼee na hin argu; isin garuu na argitu. Sababii ani jiraadhuuf isinis ni jiraattu.
Yesuus immoo akkana isheedhaan jedhe; “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata;
Kiristoos Tiksee, Luba fi Mootii Keenya
“Tikseen gaariin ana. Tikseen gaariin hoolota isaatiif jedhee lubbuu isaa dabarsee kenna.
Egaa luba ol aanaa guddicha isa samiiwwan keessa darbe, Yesuus Ilma Waaqaa waan qabnuuf kottaa amantii keenya jabeessinee qabannaa.
Innis uffata isaatii fi gudeeda isaa irratti maqaa barreeffame tokko qaba; maqaan sunis akkana jedha: Mootii Moototaa fi Gooftaa Gooftotaa.
Waaqni tokkicha; Waaqaa fi nama gidduu immoo gidduu galeessa tokkotu jira; innis Kiristoos Yesuus isa nama taʼee dha;
Kanaafuu Waaqni akka malee ol isa qabe; maqaa maqaa hunda caalus isaaf kenne. Kunis akka jilbi hundinuu samii fi lafa irratti, lafa jalattis, maqaa Yesuusiif jilbeenfatuuf. Akka arrabni hundinuus ulfina Waaqa Abbaatiif jedhee Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼuu isaa dhugaa baʼuuf.
Fayyinni nama biraa tokko irraa iyyuu hin argamu; maqaan nu ittiin fayyifamnu kan samii gaditti namootaaf kenname biraa tokko iyyuu hin jiruutii.”
Yaa ijoollee ko, ani akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan barreessa. Garuu yoo namni kam iyyuu cubbuu hojjete nu Abbaa biraa abukaattoo qabna; innis Yesuus Kiristoos Isa Qajeelaa sana.
Waaqni nagaa inni karaa dhiiga kakuu bara baraatiin Gooftaa keenya Yesuus, Tiksee hoolotaa guddicha sana warra duʼan keessaa kaase sun,
kan inni ittiin Kiristoosin warra duʼan keessaa kaasee samii irratti mirga ofii teessise sana mulʼisee dha;
Kanaaf inni yeroo hundumaa waan isaaniif kadhachuuf jiraatuuf warra karaa isaatiin gara Waaqaa dhufan guutumaan guutuutti fayyisuu ni dandaʼa.
isin hundee ergamootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniirtu; Kiristoos Yesuus ofii isaatii mataa dhagaa golee ti.
Inni mataa dhagna isaa, mataa waldaa kiristaanaa ti; waan hunda irratti ol aantummaa akka qabaatuufis inni kan jalqabaa ti; warra duʼan keessaa kaafamuudhaanis hangafa.
Jireenyaa fi Tokkummaa Kiristoos Keessatti
Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.
“Ani muka wayinii ti; isini immoo dameewwan. Namni yoo na keessa jiraate, anis yoon isa keessa jiraadhe inni ija baayʼee naqata; isin narraa gargar baatanii homaa gochuu hin dandeessaniitii.
Na keessa jiraadhaa; anis isin keessa nan jiraadhaa. Akkuma dameen yoo muka wayiniitti jiraate malee ofuma isaatiin ija naqachuu hin dandeenye, isinis yoo na keessa jiraattan malee ija naqachuu hin dandeessan.
Waaqni badhaadhummaan ulfina icciitii kanaa hammam guddaa akka taʼe Namoota Ormaa gidduutti qulqulloota isaatti beeksisuu filateera; icciitiin kunis Kiristoos, abdii ulfinaa isa isin keessa jiruu dha.
Ergasii inni hunduma isaaniitiin akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa guyyuma guyyaan baadhatees na duukaa haa buʼu.
Duutaniirtuutii; jireenyi keessanis Kiristoos wajjin Waaqa keessa dhokfameera.
Namni Gooftaa wajjin tokko taʼe garuu Gooftaa wajjin hafuuraan tokko.
Isin yoo ija baayʼee naqattanii fi yoo barattoota koo taatan, kanaan Abbaan koo ulfina argata.
Qooda kanaa Yesuus Kiristoos Goofticha uffadhaa; akka itti hawwii foonii gammachiiftan hin yaadinaa.
yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Kiristoos wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan.
“Akkuma Abbaan na jaallatetti anis akkasuma isin jaalladheera. Egaa jaalala koo keessa jiraadhaa.
isinis Kiristoos isa humnaa fi taayitaa hunda irratti mataa taʼe sanaan guutamtaniirtu.