Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ija Naquu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Ija Naquu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Isin yoo ija baayʼee naqattanii fi yoo barattoota koo taatan, kanaan Abbaan koo ulfina argata.
“Ani muka wayinii ti; isini immoo dameewwan. Namni yoo na keessa jiraate, anis yoon isa keessa jiraadhe inni ija baayʼee naqata; isin narraa gargar baatanii homaa gochuu hin dandeessaniitii.
Isinis akka dhaqxanii ija naqattaniif, iji keessanis akka jiraatuuf anatu isin filatee isin muude malee isin na hin filanne. Kunis akka Abbaan waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu isinii kennuuf.
Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.
Akkasumas mukni gaariin hundumtuu ija gaarii naqata; mukni gadheen immoo ija gadhee naqata.
Inni damee koo kan ija hin naqanne hunda muree gata; damee ija naqatu immoo akka inni caalaatti naqatuuf irraa qora.
Kunis akka isin hojii gaarii hundaan ija naqachaa, Waaqa beekuudhaanis guddachaa, jireenya Gooftaaf maluu fi kan karaa hundaan isa gammachiisu jiraattaniif;
akka ulfinaa fi galata Waaqaatiifis iji qajeelinaa kan karaa Yesuus Kiristoosiin argamuun guutamtaniif.
Kanaafuu yaa obboloota ko, isinis akkasuma karaa dhagna Kiristoosiin seeraaf duutaniirtu; kunis akka isin kan biraa, kan isa warra duʼan keessaa kaafame sanaa taataniif; kun immoo akka nu Waaqaaf ija naqannuuf.
Inni akkuma muka qarqara bishaan yaaʼuu dhaabamee yeroo isaatti ija isaa kennu, kan baalli isaas hin coollagnee ti; wanni inni hojjetu hundinuus ni tolaaf.