Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Kiristoosiin Uffachuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Kiristoosiin Uffachuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Qooda kanaa Yesuus Kiristoos Goofticha uffadhaa; akka itti hawwii foonii gammachiiftan hin yaadinaa.
isin warri Kiristoositti cuuphamtan hundi Kiristoosin uffattaniirtuutii.
namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullina dhugaatiin fakkeenya Waaqaatiin uumame sana uffadhaa.
Kanaafuu isin akkuma warra Waaqaaf filatamanii qulqullaaʼanii fi jaallatamaniitti, gara laafummaa, arjummaa, gad of qabiisa, garraamummaa fi obsa qabaadhaa.
Halkan bariʼuu gaʼeera; guyyaanis dhiʼaateera. Kanaafuu hojii dukkanaa of irraa gannee miʼa lolaa kan ifaa haa hidhannu.
eenyummaa haaraa kan beekumsa fakkaattii Uumaa isaatiin haaromfamaa jirus uffattaniirtu.
Haala jireenya keessan kan durii, eenyummaa keessan moofaa hawwii gowwoomsaa isaatiin xuraaʼe sana dhabamsiisaa; hafuura yaada keessaniitiinis haaromfamaa; namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullina dhugaatiin fakkeenya Waaqaatiin uumame sana uffadhaa.
Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.
Kanaafuu akkuma Kiristoos ulfina Abbaatiin warra duʼan keessaa kaafame sana nus akka jireenya haaraa jiraannuuf cuuphaadhaan duʼa isaa keessatti hirmaannee isa wajjin awwaalamne.
Kanaafuu hammina hunda, gowwoomsaa hunda, itti fakkeessummaa, weennoo fi maqaa nama balleessuu hunda of irraa fageessaa. Akka ittiin fayyina keessaniin guddattaniifis akkuma daaʼimman reefuu dhalataniitti aannan hafuuraa qulqullaaʼaa sana jabeessaa dharraʼaa;
Haxxummaa diiyaabiloosiin akka mormuu dandeessaniif miʼa lolaa kan Waaqaa guutuu hidhadhaa.
Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.