Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Kiristoos Keessatti

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Kiristoos Keessatti dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 2 Qorontos 5:17

Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.

02 Galaatiyaa 2:20

Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.

03 Roomaa 8:1

Egaa amma murtiin warra Kiristoos Yesuus keessa jiraatanitti muramu hin jiru;

04 Efesoon 1:3

Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos inni Kiristoosiin eebba hafuuraa hundumaan samii irratti nu eebbise sun haa eebbifamu.

05 2 Qorontos 5:21

Akka nu isumaan qajeelummaa Waaqaa taanuuf Waaqni nuuf jedhee Kiristoos isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe.

06 Roomaa 8:39

ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Waaqaa kan Kiristoos Yesuus Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.

07 1 Qorontos 1:30

Isin sababii isaatiin kan Kiristoos Yesuus taatan; inni ogummaa keenya kan Waaqa biraa dhufe jechuunis qajeelummaa keenya, qulqullummaa fi furii keenyaa dha.

08 Efesoon 2:10

Nu hojii harka isaatii; hojii gaarii Waaqni duraan dursee akka nu hojjennuuf qopheesse sana akka hojjennuufis karaa Kiristoos Yesuusiin uumamne.

09 2 Qorontos 1:20

Waadaawwan Waaqaa hundinuu Kiristoosiin “Eeyyeedhaatii”. Kanaafuu nu karaa isaatiin ulfina Waaqaatiif “Ameen” jenna.

10 Fiiliphisiyuus 3:9

kunis qajeelummaa mataa koo kan seera eeguun argamu utuu hin taʼin qajeelummaa Kiristoositti amanuun argamu jechuunis akka ani qajeelummaa Waaqa biraa amantiidhaan dhufu qabaadhee isa keessa jiraadhuuf.

11 Roomaa 12:5

akkasuma immoo nu warri baayʼee taane Kiristoosiin dhagna tokkoo dha; tokkoon tokkoon kutaa dhagnaa kan walii isaanii ti.

12 Efesoon 1:7

Nus isumaan akkuma badhaadhummaa ayyaana Waaqaatti dhiiga isaatiin furama jechuunis, dhiifama cubbuu arganneerra;

13 1 Qorontos 15:22

Akkuma hundinuu Addaamiin duʼan, hundinuu Kiristoosiin jiraatoo ni taasifamuutii.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban