Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Kiristoos Wajjin Dhokfamuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Kiristoos Wajjin Dhokfamuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Duutaniirtuutii; jireenyi keessanis Kiristoos wajjin Waaqa keessa dhokfameera.
Yommuu Kiristoos inni jireenya keessan taʼe sun mulʼatutti isinis isa wajjin ulfinaan ni mulʼattu.
Ati iddoo ani itti dhokadhuu dha; rakkina irraa na eegda; faarfannaa moʼannaatiinis na marsita.
Namni daʼoo Waaqa Waan Hundaa Olii keessa jiraatu, gaaddisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota.
Anis jireenya bara baraa nan kennaaf; isaanis gonkumaa hin badan. Eenyu iyyuu harka koo keessaa isaan hin butatu. Abbaan koo kan natti isaan kenne sun hunduma caala; namni tokko iyyuu harka Abbaa kootii keessaa isaan butachuu hin dandaʼu.
Inni guyyaa rakkinaa iddoo ofii jiraatu na kaaʼataatii; daʼoo dunkaana isaa jala na dhoksa; kattaa gubbaattis ol na baasa.
Egaa isin erga Kiristoos wajjin kaafamtanii waan ol gubbaa, mirga Waaqaa iddoo Kiristoos taaʼu sana jiru barbaadaa. Waan ol gubbaa yaadaa malee waan lafa irraa hin yaadinaa.
Daʼoo fuula keetiitiin, waan namoonni isaanitti malatan jalaa isaan dhoksita; dunkaana kee keessattis dubbiin tuttuquu jalaa isaan daʼeessita.
Inni afaan koo akka goraadee qaramee godhe; gaaddidduu harka isaatiin na dhokse; xiyya cululuqfame na godhee, manʼee xiyya isaa keessa na kaaʼate.