Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Muka Wayinii fi Damee

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Muka Wayinii fi Damee dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yohannis 15:4

Na keessa jiraadhaa; anis isin keessa nan jiraadhaa. Akkuma dameen yoo muka wayiniitti jiraate malee ofuma isaatiin ija naqachuu hin dandeenye, isinis yoo na keessa jiraattan malee ija naqachuu hin dandeessan.

02 Yohannis 15:5

“Ani muka wayinii ti; isini immoo dameewwan. Namni yoo na keessa jiraate, anis yoon isa keessa jiraadhe inni ija baayʼee naqata; isin narraa gargar baatanii homaa gochuu hin dandeessaniitii.

03 Yohannis 15:1

“Ani muka wayinii dhugaa ti; kan dhaabes Abbaa koo ti.

04 Yohannis 15:2

Inni damee koo kan ija hin naqanne hunda muree gata; damee ija naqatu immoo akka inni caalaatti naqatuuf irraa qora.

05 Yohannis 15:6

Namni na keessa hin jiraanne akka damee gad gatamee goguu ti. Dameewwan akkanaa walitti qabamanii ibiddatti naqamu; ni gubamus.

06 Yohannis 15:3

Isin dubbii ani isinitti dubbadheen amma qulqulluu dha.

07 Yohannis 15:7

Isin yoo na keessa jiraattan, dubbiin koos yoo isin keessa jiraate, waanuma feetan kadhadhaa; innis isiniif ni kennama.

08 Yohannis 15:8

Isin yoo ija baayʼee naqattanii fi yoo barattoota koo taatan, kanaan Abbaan koo ulfina argata.

09 Yohannis 15:16

Isinis akka dhaqxanii ija naqattaniif, iji keessanis akka jiraatuuf anatu isin filatee isin muude malee isin na hin filanne. Kunis akka Abbaan waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu isinii kennuuf.

10 Faarfannaa 80:8-9

Ati muka wayinii biyya Gibxii buqqiftee fidde; ormootas ariitee muka sana dhaabde. Mukichaafis lafa qopheessite; mukni sunis hidda gad fageeffatee biyyattii guute.

11 Galaatiyaa 5:22-23

Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.

12 Ermiyaas 17:7-8

“Namni Waaqayyoon amanatu, kan abdiin isaas isuma taʼe garuu eebbifamaa dha. Inni akkuma muka qarqara bishaanii dhaabame, kan hidda isaa ededa lagaa irra yaafatuu taʼa. Yommuu hoʼi dhufu hin sodaatu; baalli isaa yeroo hunda lalisaa dha. Mukni sun bara hongee illee hin yaaddaʼu; ija naqachuus hin dhiisu.”

13 Roomaa 11:17

Dameewwan sana keessaa tokko tokko caccabsamnaan ati utuma lataa ejersa bosonaa taatee jirtuu iddoo dameewwan caccabaniitti fayyifamtee soora hidda ejersaa irraa argamu kan qooddattu taanaan,

14 Isaayyaas 5:1-2

Ani naman jaalladhu sanaaf, faarfannaa waaʼee iddoo dhaabaa wayinii isaa nan faarfadha: Michuun koo gaara gabbataa irraa iddoo dhaabaa wayinii qaba. Innis lafa sana qotee isa irraa dhagaa balleessee wayinii filatamaa isa irra dhaabe. Qooxii eegumsaa isa keessatti ijaaree boolla wayinii itti cuunfan illee qote. Ergasii akka lafti qotiisaa sun ija gaarii kennu eeggate; inni garuu ija hamaa qofa kenne.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban