Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Kiristoos Wajjin Tokko Taʼuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Kiristoos Wajjin Tokko Taʼuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Qorontos 6:17

Namni Gooftaa wajjin tokko taʼe garuu Gooftaa wajjin hafuuraan tokko.

02 Yohannis 17:21

kunis yaa Abbaa, akkuma ati na keessa jirtu, anis si keessa jiru sana, akka hundi isaanii tokko taʼaniif. Akka ati na ergite addunyaan akka amanuuf isaanis nu keessa haa jiraatan.

03 Efesoon 5:31-32

“Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti ni maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.” Kun icciitii guddaa dha; ani garuu waaʼee Kiristoosii fi waaʼee waldaa kiristaanaa dubbadha.

04 Roomaa 12:5

akkasuma immoo nu warri baayʼee taane Kiristoosiin dhagna tokkoo dha; tokkoon tokkoon kutaa dhagnaa kan walii isaanii ti.

05 Galaatiyaa 3:28

Yihuudii yookaan Giriik, garba yookaan birmaduu, dhiira yookaan dubartii jechuun hin jiru; hundi keessan Kiristoos Yesuusiin tokkumaatii.

06 Efesoon 4:4-6

Akkuma yeroo waamamtanitti gara abdii tokkootti waamamtan sana, dhagna tokkoo fi Hafuura tokkotu jira; Gooftaa tokko, amantii tokkoo fi cuuphaa tokkotu jira; Waaqaa fi Abbaan waan hundaa, inni waan hundaa ol taʼe, kan waan hunda keessatti hojjetuu fi kan waan hunda keessa jiru tokkichatu jira.

07 Yohannis 17:22-23

Akkuma nu tokko taane isaanis tokko akka taʼaniif, ulfina ati naaf kennite sana anis isaaniif kenneera; kunis akka isaan guutummaatti tokko taʼaniif ani isaan keessa nan jiraadha; ati immoo na keessa jiraatta. Yoos akka ati na ergitee fi akkuma na jaallattetti akka isaanis jaallatte addunyaan ni beeka.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban