Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Kiristoos Isin Keessa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Kiristoos Isin Keessa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Waaqni badhaadhummaan ulfina icciitii kanaa hammam guddaa akka taʼe Namoota Ormaa gidduutti qulqulloota isaatti beeksisuu filateera; icciitiin kunis Kiristoos, abdii ulfinaa isa isin keessa jiruu dha.
Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.
akka Kiristoosis karaa amantiitiin garaa keessan keessa jiraatuuf nan kadhadha. Akka isin hidda gad fageeffattanii jaalalaan dhaabattaniifis nan kadhadha;
Yoo Kiristoos isin keessa jiraate garuu dhagni keessan sababii cubbuutiin duʼaa dha; hafuurri keessan immoo sababii qajeelummaatiin jiraataa dha.
Isin amantiidhaan jiraachuu fi jiraachuu baachuu keessan beekuuf of qoraa; of ilaalaas. Dhugumaan isin yoo qormaaticha kuftan malee akka Yesuus Kiristoos isin keessa jiru hin beektanii?
Akka ani Abbaa koo keessa jiru, akka isin na keessa jirtan akka anis isin keessa jiru gaafas ni beektu.
kunis akka isaan guutummaatti tokko taʼaniif ani isaan keessa nan jiraadha; ati immoo na keessa jiraatta. Yoos akka ati na ergitee fi akkuma na jaallattetti akka isaanis jaallatte addunyaan ni beeka.
Yaa ijoolle, isin kan Waaqaa ti; jaras moʼattaniirtu; inni isin keessa jiru kan addunyaa keessa jiru sana caalaa guddaadhaatii.
Yaa ijoollee ko, ani hamma Kiristoos isin keessatti mulʼatutti ammas isiniif jedhee nan ciniinsifadha;
Isin garuu yoo Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraate akka Hafuuraatti jiraattu malee akka fooniitti hin jiraattan. Eenyu iyyuu yoo Hafuura Kiristoos qabaachuu baate inni kan Kiristoos miti.
Namni ajaja isaa eegu isa keessa jiraata; innis isa keessa jiraata. Kanaanis akka inni nu keessa jiraatu nu Hafuura inni nuu kenneen ni beekna.
Inni akkuma badhaadhummaa ulfina isaatti karaa Hafuura isaatiin namummaa keessan kan keessaa humnaan akka cimsuuf nan kadhadha; akka Kiristoosis karaa amantiitiin garaa keessan keessa jiraatuuf nan kadhadha. Akka isin hidda gad fageeffattanii jaalalaan dhaabattaniifis nan kadhadha;