Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Jaalala Koo Keessa Turaa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Jaalala Koo Keessa Turaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
“Akkuma Abbaan na jaallatetti anis akkasuma isin jaalladheera. Egaa jaalala koo keessa jiraadhaa.
Akkuma ani ajajawwan Abbaa kootii eegee jaalala isaa keessa jiraadhu, isinis yoo ajajawwan koo eegdan jaalala koo keessa ni jiraattu.
Eenyu iyyuu jaalala guddaa kan namni lubbuu isaa dabarsee michoota isaatiif kennu sana irra caalu hin qabu.
Araarri Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos jireenya bara baraatti akka isin geessu eeggachaa jaalala Waaqaatiin of eegaa.
Kanaafuu jaalala Waaqni nuuf qabu beekneerra; amanneerras. Waaqni jaalala. Namni jaalalaan jiraatu Waaqa keessa jiraata; Waaqnis isa keessa jiraata.
Akka gammachuun koo isin keessa jiraatuu fi akka gammachuun keessanis guutuu taʼuuf ani waan kana isinitti himeera.
Waan ani isin ajaje yoo raawwattan isin michoota koo ti.
Duuti yookaan jireenyi, ergamoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Waaqaa kan Kiristoos Yesuus Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.
Waaqni akka nu karaa isaatiin jireenya argannuuf jedhee Ilma isaa tokkicha sana gara addunyaatti erge. Kanaanis jaalalli Waaqaa nu gidduutti mulʼateera. Jaalalli isa kana: Kunis nu Waaqa jaallannee miti; garuu Waaqatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge.
akka Kiristoosis karaa amantiitiin garaa keessan keessa jiraatuuf nan kadhadha. Akka isin hidda gad fageeffattanii jaalalaan dhaabattaniifis nan kadhadha; isinis jaalalli Kiristoos hammam akka balʼatu, hammam akka dheeratu, hammam akka ol fagaatuu fi hammam akka gad fagaatu qulqulloota hunda wajjin hubachuudhaaf akka humna qabaattaniif, akka guutama Waaqaa hundaan guutamtaniifis jaalala Kiristoos kan beekumsaa ol taʼe sana akka beektaniif nan kadhadha.
Akkan jaalalli ati ittiin na jaallatte sun isaan keessa jiraatuuf, anis akka isaan keessa jiraadhuuf ani akka maqaan kee isaan biratti beekamu godheera; akka beekamus nan godha.”
Jaalalli Waaqaa karaa Hafuura Qulqulluu nuu kennamee sanaatiin garaa keenya keessatti waan dhangalaafameef abdiin nu hin qaanessu.