Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Alfaa fi Oomeegaa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 5 waa'ee Alfaa fi Oomeegaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa Duraatii fi isa Booddee ti; isa Jalqabaatii fi isa Dhumaatis.
02 Mulʼata 1:8
Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu, “Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa jiru, isa turee fi isa dhufuuf jiruu dha” jedha.
03 Mulʼata 21:6
Innis akkana naan jedhe: “Raawwatameera. Alfaa fi Omeegaan, Jalqabaa fi Dhumni anuma. Ani nama dheeboteef burqaa bishaan jireenyaa irraa tola nan kenna.
“ Waaqayyo Mootii fi Furiin Israaʼel Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Ani kan jalqabaa ti; ani kan dhumaatis; ana malee Waaqni biraa hin jiru.
Inni waan hunda dura jira; wanni hundinuu isumaan wal qabatee dhaabata.