Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ifa Ulfina Waaqayyoo

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Ifa Ulfina Waaqayyoo dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Ibroota 1:3

Ilmi calaqqisa ulfina Waaqaa ti; eenyummaa Waaqaas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee samii irra mirga Waaqa ulfina qabeessa sanaa taaʼe.

02 Yohannis 1:14

Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.

03 2 Qorontos 4:6

Waaqni, “Dukkana keessaa ifni haa ifu” jedhe sun akka fuula Kiristoos irraa ifa beekumsa ulfina Waaqaa nuu kennuuf ifa isaa garaa keenya keessatti ibseeraatii.

04 Yohannis 8:12

Yesuus ammas, “Ani ifa addunyaa ti. Namni na duukaa buʼu kam iyyuu ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hin deddeebiʼu” jedhee isaanitti dubbate.

05 Qolosaayis 1:15

Inni fakkaattii Waaqa hin mulʼanne sanaa ti; uumama hundaafis hangafa.

06 Yohannis 1:9

Ifni dhugaa kan nama hundaaf ifa kennu sun gara addunyaa dhufaa ture.

07 2 Qorontos 4:4

Waaqni addunyaa kanaa akka namoonni hin amanin ifa wangeela ulfina Kiristoos isa fakkaattii Waaqaa taʼe sanaa arguu hin dandeenyeef qalbii isaanii jaamseera.

08 Maatewos 17:2

Innis achitti fuula isaanii duratti geeddarame. Fuulli isaa akka aduu ife; uffanni isaas akkuma ifaa addaate.

09 Yohannis 17:5

Yaa Abbaa, amma immoo ati ulfina ani utuu addunyaan hin uumaminiin dura si biratti qabaadhe sanaan of biratti na ulfeessi.

10 Mulʼata 21:23

Aduun yookaan jiʼi magaalattiif ibsuun hin barbaachisu; ulfinni Waaqaa ifa kennaafiitii; Hoolichis ibsaa ishee ti.

11 Ibroota 1:2

bara dhumaa kana keessa garuu Ilma isaa kan inni dhaaltuu waan hundumaa godhee muudeen nutti dubbate; isumaanis addunyaawwan uume.

12 Faarfannaa 27:1

Waaqayyo ibsaa kootii fi fayyina koo ti; ani eenyunan sodaadha? Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti; eenyutu na sodaachisa?

13 Yohannis 1:4-5

Jireenyi isa keessa ture; jireenyi sunis ifa namootaa ture. Ifni sun dukkana keessatti ni ibsa; dukkanni garuu isa hin moʼanne.

14 Isaayyaas 60:19

Siʼachi aduun guyyaadhaan, ifni jiʼaas halkaniin ifa kee hin taʼu; Waaqayyo ifa kee bara baraa taʼaatii; Waaqni kee ulfina kee ni taʼa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban