Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ilma Waaqayyoo

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Ilma Waaqayyoo dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yohannis 20:31

Wantoonni kunneen garuu akka Yesuus inni Kiristoos Ilma Waaqaa taʼe akka amantaniif, amanuudhaanis akka maqaa isaatiin jireenya qabaattaniif barreeffame.

02 Maatewos 3:17

Sagaleen tokkos samii irraa, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; isatti baayʼee nan gammada” jedhe.

03 Maatewos 16:16

Simoon Phexrosis, “Ati Kiristoos, Ilma Waaqa jiraataa ti” jedhee deebise.

04 Roomaa 1:4

akka Hafuura qulqullummaatti immoo warra duʼan keessaa kaʼuu isaatiin Ilma Waaqaa humna qabeessa taʼuun isaa labsamee dha; innis Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos.

05 1 Yohannis 5:11-12

Dhuga baʼumsi sunis isa kana: Waaqni jireenya bara baraa nuu kenneera; jireenyi sunis Ilma isaa keessa jira. Namni Ilma sana qabu jireenya qaba; namni Ilma Waaqaa hin qabne immoo jireenya hin qabu.

06 Ibroota 1:5

Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin, “Ati Ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera” Yookaan isa kamiin, “Ani isaaf Abbaa nan taʼa; innis Ilma naa taʼa” jedhee beeka?

07 Yohannis 3:16

Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.

08 Maarqos 1:1

Jalqaba wangeela Yesuus Kiristoos Ilma Waaqaa.

09 Luqaas 1:35

Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; “Hafuurri Qulqulluun sirra buʼa; humni Waaqa Waan Hundaa Oliis si golbooba. Kanaaf inni qulqulluun dhalatu sun Ilma Waaqaa ni jedhama.

10 Yohannis 5:25

Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; yeroon warri duʼan itti sagalee Ilma Waaqaa dhagaʼan tokko ni dhufa; ammuma iyyuu dhufeera; warri dhagaʼanis ni jiraatu.

11 Galaatiyaa 2:20

Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.

12 Yohannis 10:36

sababii ani, ‘Ani ilma Waaqaa ti’ jedheef, isin maaliif isa Abbaan qulqulleessee gara addunyaatti erge sanaan ‘Ati Waaqa arrabsita’ jettu?

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban