Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Foon Uffachuu Waaqayyoo

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Foon Uffachuu Waaqayyoo dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yohannis 1:14

Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.

02 Fiiliphisiyuus 2:6-7

Inni utuma bifa Waaqaatiin jiruu, wal qixxummaa Waaqa wajjin qabu akka waan irraa fudhatameetti hin lakkoofne; qooda kanaa inni bifa garbaa uffatee fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godhe.

03 Galaatiyaa 4:4

Yommuu yeroon murteeffame sun gaʼetti garuu Waaqni Ilma isaa isa dubartii irraa dhalate, kan seera jalatti dhalate sana erge;

04 Ibroota 2:14

Sababii ijoolleen sun foonii fi dhiiga qabaniif, Yesuusis duʼa ofii isaatiin diiyaabiloos isa duʼa irratti humna qabu sana balleessuuf jedhee namummaa isaanii qoodate;

05 1 Xiimotewos 3:16

Waaqatti buluun shakkii tokko malee icciitii guddaa of keessaa qaba; kunis, Inni fooniin mulʼate; Hafuuraan mirkaneeffame; ergamoota Waaqaatu isa arge; saboota keessatti lallabame; addunyaa irratti itti amaname; ulfinaan ol fudhatame.

06 Roomaa 8:3

Waan seerri sababii fooniitiin dadhabsiifameef hojjechuu hin dandaʼin, Waaqni Ilma ofii isaa bifa foon cubbamaatiin aarsaa cubbuu akka taʼuuf erguun hojjeteeraatii. Kanaanis inni fooniin cubbuutti mure.

07 2 Qorontos 8:9

Isin ayyaana Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos ni beektuutii; inni utuu sooressa taʼee jiruu akka isin hiyyummaa isaatiin sooromtaniif isiniif jedhee hiyyoome.

08 1 Yohannis 4:2

Haalli isin ittiin Hafuura Waaqaa beektanis kanuma: Hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa baʼu hundi kan Waaqaa ti;

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban