Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Dhagaa Golee Angafa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Dhagaa Golee Angafa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
isin hundee ergamootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniirtu; Kiristoos Yesuus ofii isaatii mataa dhagaa golee ti.
Katabbiin Qulqulluun, “Kunoo, ani Xiyoon keessa, dhagaa tokko, dhagaa golee filatamaa gati jabeessa nan kaaʼa; namni isa amanatu kam iyyuu hin qaanaʼu” jedhaatii.
Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera;
Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Kunoo ani dhagaa tokko, dhagaa qoratame, dhagaa golee gati jabeessa tokko hundee mirkanaaʼaadhaaf Xiyoon keessa nan kaaʼa; namni amanu kam iyyuu hin qaanaʼu.
Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isin dubbii Katabbiiwwan Qulqulluu keessatti, “ ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera; kanas Gooftaatu godhe; kun immoo ija keenyatti dinqii dha’ jedhu sana gonkumaa hin dubbifnee?
Yesuusis, “ ‘Dhagaa isin ijaartonni tuffattan kan dhagaa golee taʼee dha.’
Karaa isaas ijaarsi sun guutuun tokkummaan wal qabatee mana qulqullummaa qulqulluu taʼuuf Gooftaadhaan guddata. Isinis isumaan mana Waaqni Hafuura isaatiin keessa jiraatu taatanii tokkummaadhaan ijaaramaa jirtu.
Isin Katabbii Qulqulluu hin dubbifnee? Innis akkana jedha: “ ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera; kanas Gooftaatu godhe; kunis ija keenyatti dinqii dha.’ ”
Kanaafuu dhagaan kun isin warra amantaniif dhagaa gati jabeessaa dha. Warra hin amanneef garuu, “Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera.”
Yesuusis isaan ilaalee, akkana jedhe; “Egaa inni, “ ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan dhagaa golee taʼeera jedhamee barreeffame maal jechuu isaati ree’?
Namni tokko iyyuu hundee duraan buufame sana malee kan biraa buusuu hin dandaʼuutii; hundeen sunis Yesuus Kiristoos.
Kunis akkuma, “Kunoo, ani dhagaa nama gufachiisu, kattaa nama kuffisu Xiyoon keessa nan kaaʼa; namni isatti amanu gonkumaa hin qaanaʼu” jedhamee barreeffame sanaa dha.
Isin erga gara isaa, gara Dhagaa jiraataa namoonni tuffatanii Waaqni garuu filate gati jabeessa sanaa dhuftanii,