Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Kiristoos Tiksee, Luba fi Mootii Keenya
Yesuus Tiksee keenya Gaariidhaa kan lubbuu isaa dabarsee kennu, Lubticha keenya Guddaa kan yeroo hunda jiraatee nuuf araarsu, fi Mootii moototaa kan mirga Waaqayyootti taaʼu. Inni nu geggeessa, nuuf kadhata, hunda irrattis moʼa. Caqasoonni kun kunuunsa isaa, araarsuu isaatii fi bulchiinsa isaa keessa boqotu.
“Tikseen gaariin ana. Tikseen gaariin hoolota isaatiif jedhee lubbuu isaa dabarsee kenna.
Egaa luba ol aanaa guddicha isa samiiwwan keessa darbe, Yesuus Ilma Waaqaa waan qabnuuf kottaa amantii keenya jabeessinee qabannaa.
Innis uffata isaatii fi gudeeda isaa irratti maqaa barreeffame tokko qaba; maqaan sunis akkana jedha: Mootii Moototaa fi Gooftaa Gooftotaa.
Waaqni tokkicha; Waaqaa fi nama gidduu immoo gidduu galeessa tokkotu jira; innis Kiristoos Yesuus isa nama taʼee dha;
Kanaafuu Waaqni akka malee ol isa qabe; maqaa maqaa hunda caalus isaaf kenne. Kunis akka jilbi hundinuu samii fi lafa irratti, lafa jalattis, maqaa Yesuusiif jilbeenfatuuf. Akka arrabni hundinuus ulfina Waaqa Abbaatiif jedhee Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼuu isaa dhugaa baʼuuf.
Fayyinni nama biraa tokko irraa iyyuu hin argamu; maqaan nu ittiin fayyifamnu kan samii gaditti namootaaf kenname biraa tokko iyyuu hin jiruutii.”
Yaa ijoollee ko, ani akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan barreessa. Garuu yoo namni kam iyyuu cubbuu hojjete nu Abbaa biraa abukaattoo qabna; innis Yesuus Kiristoos Isa Qajeelaa sana.
Waaqni nagaa inni karaa dhiiga kakuu bara baraatiin Gooftaa keenya Yesuus, Tiksee hoolotaa guddicha sana warra duʼan keessaa kaase sun,
kan inni ittiin Kiristoosin warra duʼan keessaa kaasee samii irratti mirga ofii teessise sana mulʼisee dha;
Kanaaf inni yeroo hundumaa waan isaaniif kadhachuuf jiraatuuf warra karaa isaatiin gara Waaqaa dhufan guutumaan guutuutti fayyisuu ni dandaʼa.
isin hundee ergamootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniirtu; Kiristoos Yesuus ofii isaatii mataa dhagaa golee ti.
Inni mataa dhagna isaa, mataa waldaa kiristaanaa ti; waan hunda irratti ol aantummaa akka qabaatuufis inni kan jalqabaa ti; warra duʼan keessaa kaafamuudhaanis hangafa.