Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Mirga Waaqayyoo Tessuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Mirga Waaqayyoo Tessuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
kan inni ittiin Kiristoosin warra duʼan keessaa kaasee samii irratti mirga ofii teessise sana mulʼisee dha;
Ilmi calaqqisa ulfina Waaqaa ti; eenyummaa Waaqaas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee samii irra mirga Waaqa ulfina qabeessa sanaa taaʼe.
Egaa isin erga Kiristoos wajjin kaafamtanii waan ol gubbaa, mirga Waaqaa iddoo Kiristoos taaʼu sana jiru barbaadaa.
Yesuus Gooftaan erga isaanitti dubbatee booddee samiitti ol fudhatamee gara mirga Waaqaatiin taaʼe.
Waaqayyo, gooftaa kootiin: “Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti, karaa mirga koo taaʼi” jedhe.
Lubni kun garuu erga aarsaa tokkicha bara baraan cubbuudhaaf dhiʼeessee booddee gara mirga Waaqaa taaʼe.
Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin, “Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti, gara mirga koo taaʼi” jedhe?
Kanaaf inni gara mirga Waaqaatti ol ol jedhee, abdii Hafuura Qulqulluu Abbaa biraa fuudhee waan isin amma argitanii fi dhageessan kana dhangalaase.