Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Gooftummaa Kiristoos

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Gooftummaa Kiristoos dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fiiliphisiyuus 2:9-11

Kanaafuu Waaqni akka malee ol isa qabe; maqaa maqaa hunda caalus isaaf kenne. Kunis akka jilbi hundinuu samii fi lafa irratti, lafa jalattis, maqaa Yesuusiif jilbeenfatuuf. Akka arrabni hundinuus ulfina Waaqa Abbaatiif jedhee Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼuu isaa dhugaa baʼuuf.

02 Roomaa 10:9

kunis yoo ati, “Yesuus Gooftaa dha” jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita.

03 Qolosaayis 1:16-17

Wanni hundinuu isumaan uumameetii: Wanni samii keessaa fi lafa irraa, wanni mulʼatuu fi hin mulʼanne, teessoowwan yookaan humnoonni yookaan bulchitoonni yookaan taayitaawwan, wanni hundinuu isumaan, isumaaf uumaman. Inni waan hunda dura jira; wanni hundinuu isumaan wal qabatee dhaabata.

04 Hojii 2:36

“Kanaafuu Yesuusuma isin fanniftan kana akka Waaqni Gooftaa fi Kiristoos isa godhe manni Israaʼel hundi dhugumaan haa beeku.”

05 1 Qorontos 12:3

Kanaafuu namni Hafuura Waaqaatiin dubbatu kam iyyuu akka, “Yesuus abaaramaa dha” hin jenne, akka eenyu iyyuu yoo Hafuura Qulqulluudhaan taʼe malee, “Yesuus Gooftaa dha” jechuu hin dandeenye ani isinittin hima.

06 Efesoon 1:20-22

kan inni ittiin Kiristoosin warra duʼan keessaa kaasee samii irratti mirga ofii teessise sana mulʼisee dha; isas ol aantummaa, taayitaa, humna, gooftummaa hundaa fi bara ammaa qofa utuu hin taʼin bara dhufuuf jiru keessa illee maqaa kennamu hundaa olitti mirga ofii teessise. Waaqnis waan hunda miilla isaa jala galche; waldaa kiristaanaatiifis mataa waan hundaa godhee isa kenne;

07 Maatewos 28:18

Yesuus immoo isaanitti dhiʼaatee akkana jedhe; “Taayitaan hundinuu samii fi lafa irratti naa kennameera.

08 Mulʼata 19:16

Innis uffata isaatii fi gudeeda isaa irratti maqaa barreeffame tokko qaba; maqaan sunis akkana jedha: Mootii Moototaa fi Gooftaa Gooftotaa.

09 1 Qorontos 8:6

garuu Waaqa tokkicha, Abbaa, kan wanni hundi isa biraa dhufe, kan nus isaaf jiraannu qabna; akkasumas Gooftaa tokkicha, Yesuus Kiristoos kan wanni hundi karaa isaatiin dhufee fi kan nuus karaa isaatiin jiraannutu jira.

10 Yohannis 13:13

Isin, ‘Barsiisaa’, ‘Gooftaas’ naan jettu; anis waan isuma isin jettan taʼeef isin dhuguma jettan.

11 1 Phexros 3:15

Garuu garaa keessan keessatti Kiristoos Gooftichaaf ulfina guddaa kennaa. Nama sababii abdii isin qabdan sanaa isin gaafatu kamiif iyyuu deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼaa. Waan kana immoo garraamummaa fi sodaan godhaa;

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban