Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Falmaa Keenya
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Falmaa Keenya dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Yaa ijoollee ko, ani akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan barreessa. Garuu yoo namni kam iyyuu cubbuu hojjete nu Abbaa biraa abukaattoo qabna; innis Yesuus Kiristoos Isa Qajeelaa sana.
Kan itti muru eenyu? Kiristoos Yesuus isuma nuuf duʼee, kana caalaa immoo warra duʼan keessaa kaʼee mirga Waaqaa jiruu fi nuuf kadhatu sanaa dha.
Kanaaf inni yeroo hundumaa waan isaaniif kadhachuuf jiraatuuf warra karaa isaatiin gara Waaqaa dhufan guutumaan guutuutti fayyisuu ni dandaʼa.
Waaqni tokkicha; Waaqaa fi nama gidduu immoo gidduu galeessa tokkotu jira; innis Kiristoos Yesuus isa nama taʼee dha;
Kanaafuu ani gurguddoota gidduutti qooda nan kennaaf; innis jajjaboota wajjin boojuu ni qooddata; inni lubbuu isaa duʼaaf kennee yakkitootatti lakkaaʼameeraatii. Taʼus inni cubbuu nama hedduu baatee yakkamtootaaf araara buuseera.
Kiristoos amma iddoo keenya buʼee fuula Waaqaa duratti argamuuf samii seene malee iddoo qulqulluu kan harka namaatiin ijaarame isa fakkeenya iddoo qulqulluu kan dhugaa taʼe hin seenne.
Egaa luba ol aanaa guddicha isa samiiwwan keessa darbe, Yesuus Ilma Waaqaa waan qabnuuf kottaa amantii keenya jabeessinee qabannaa. Nu luba ol aanaa dadhabbii keenya keessatti garaa nuu hin laafne hin qabnuutii; garuu kan waan hundaan akkuma keenya qorame qabna; taʼus inni cubbuu hin hojjenne. Kanaafuu akka araara argannuu fi akka ayyaana yeroo nu barbaachisutti nu gargaaru argannuuf kottaa gara teessoo ayyaanaatti sodaa malee dhiʼaannaa.
Ani isaaniif nan kadhadha. Warri ati naa kennite waan kan kee taʼaniif isaaniifin kadhadha malee addunyaaf hin kadhadhu.
Yesuus garuu waan bara baraan jiraatuuf lubummaa hin geeddaramne qaba. Kanaaf inni yeroo hundumaa waan isaaniif kadhachuuf jiraatuuf warra karaa isaatiin gara Waaqaa dhufan guutumaan guutuutti fayyisuu ni dandaʼa.
Innis utuu Iyyaasuun lubichi ol aanaan fuula ergamaa Waaqayyoo dura dhaabatee, Seexanni immoo isa himachuuf karaa harka mirga isaa dhaabatuu na argisiise. Waaqayyos Seexanaan akkana jedhe; “Seexana nana, Waaqayyo si haa ifatu! Waaqayyo inni Yerusaalemin filate si haa ifatu! Namichi kun mukukkula ibidda bobaʼu keessaa butame mitii?”
Warra Waaqni filate eenyutu himata? Kan qajeelaa nama taasisu Waaqa. Kan itti muru eenyu? Kiristoos Yesuus isuma nuuf duʼee, kana caalaa immoo warra duʼan keessaa kaʼee mirga Waaqaa jiruu fi nuuf kadhatu sanaa dha.
Inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusuu dha; cubbuu addunyaa hundaatiifis malee cubbuu keenya qofaaf miti.
gara Yesuus araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa, gara dhiiga facaafame kan dubbii dhiigni Abeel dubbatu sana caalaa dubbatuu dhuftaniirtu.
Amma iyyuu dhuga baʼaan koo samii irra jira; abukaattoon koos ol gubbaa jira.