Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Tiksee Gaarii

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Tiksee Gaarii dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yohannis 10:11

“Tikseen gaariin ana. Tikseen gaariin hoolota isaatiif jedhee lubbuu isaa dabarsee kenna.

02 Faarfannaa 23:1

Waaqayyo tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu.

03 Yohannis 10:14

“Tikseen gaariin ana; ani hoolota koo beeka; hoolonni koos na beeku;

04 Yohannis 10:27-28

Hoolonni koo sagalee koo ni dhagaʼu; anis isaan beeka; isaanis na faana buʼu. Anis jireenya bara baraa nan kennaaf; isaanis gonkumaa hin badan. Eenyu iyyuu harka koo keessaa isaan hin butatu.

05 Hisqiʼeel 34:11-12

“ ‘ Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Ani mataan koo hoolota koo nan barbaadadha; nan tikfadhas. Akkuma tikseen tokko yommuu bushaayee isaa bira jirutti hoolota isaa warra bittinnaaʼan barbaaddatu sana anis hoolota koo nan barbaaddadha. Ani lafa isaan guyyaa duumessaatii fi guyyaa dukkanaa itti bittinneeffaman hundaa baasee isaan nan galfadha.

06 Faarfannaa 23:2-3

Inni marga lalisaa keessa na boqochiisa; gara bishaan tasgabbaaʼaattis na geessa; inni lubbuu natti deebisa. Maqaa isaatiif jedhees karaa qajeelaa irra na deemsisa.

07 Yohannis 10:15

kunis akkuma Abbaan na beekuttii fi akkuma ani Abbaa beekutti. Anis lubbuu koo hoolotaaf nan kenna.

08 Yohannis 10:9

Balballi ana; namni karaa kootiin ol seenu kam iyyuu ni fayya. Inni ni seena; ni baʼas; lafa dheedaas ni argata.

09 Isaayyaas 40:11

Inni akkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa tikfata; xobbaallaawwan hoolaas irree isaatiin walitti qaba; ofitti qabees qoma isaatti hammata; haadhota hoolotaa warra hoosisanis suutuma oofa.

10 1 Phexros 2:25

Isin dur akkuma hoolota karaa irraa badanii turtan; amma garuu gara Tiksee fi Phaaphaasii lubbuu keessaniitti deebitaniirtu.

11 Luqaas 15:4-5

“Isin keessaa namni hoolota dhibba qabu tokko yoo hoolaan tokko jalaa bade, hoolota sagaltamii sagallan kaan lafa tikaatti dhiisee hamma hoolaa bade sana argatutti kan barbaaduu hin deemne eenyu? Yommuu argatus gammadee gatiittii isaa irratti baatee,

12 Yohannis 10:4

Erga warra kan isaa taʼan hunda gad yaasee booddee isaan dura deema; hoolonni isaas waan sagalee isaa beekaniif isa faana buʼu.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban