Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Tiksee Guddaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Tiksee Guddaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Ibroota 13:20

Waaqni nagaa inni karaa dhiiga kakuu bara baraatiin Gooftaa keenya Yesuus, Tiksee hoolotaa guddicha sana warra duʼan keessaa kaase sun,

02 1 Phexros 5:4

Isinis yommuu hangafni tiksootaa mulʼatutti gonfoo ulfinaa kan miidhaginni isaa irraa hin badne argattu.

03 1 Phexros 2:25

Isin dur akkuma hoolota karaa irraa badanii turtan; amma garuu gara Tiksee fi Phaaphaasii lubbuu keessaniitti deebitaniirtu.

04 Yohannis 10:11

“Tikseen gaariin ana. Tikseen gaariin hoolota isaatiif jedhee lubbuu isaa dabarsee kenna.

05 Faarfannaa 23:1

Waaqayyo tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu.

06 Yohannis 10:14

“Tikseen gaariin ana; ani hoolota koo beeka; hoolonni koos na beeku;

07 Isaayyaas 40:11

Inni akkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa tikfata; xobbaallaawwan hoolaas irree isaatiin walitti qaba; ofitti qabees qoma isaatti hammata; haadhota hoolotaa warra hoosisanis suutuma oofa.

08 Hisqiʼeel 34:23

Ani tiksee tokko jechuunis garbicha koo Daawitiin isaanittan ramada; inni isaan eega; tiksee isaaniis ni taʼa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban