Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Maqaa Yesuus

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 15 waa'ee Maqaa Yesuus dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Hojii 4:12

Fayyinni nama biraa tokko irraa iyyuu hin argamu; maqaan nu ittiin fayyifamnu kan samii gaditti namootaaf kenname biraa tokko iyyuu hin jiruutii.”

02 Fiiliphisiyuus 2:10-11

Kunis akka jilbi hundinuu samii fi lafa irratti, lafa jalattis, maqaa Yesuusiif jilbeenfatuuf. Akka arrabni hundinuus ulfina Waaqa Abbaatiif jedhee Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼuu isaa dhugaa baʼuuf.

03 Maatewos 1:21

Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Yesuus jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii.”

04 Yohannis 14:13-14

Akka Abbaan Ilmaan ulfina argatuuf ani waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu nan raawwadha. Yoo isin maqaa kootiin waan kam iyyuu na kadhattan ani nan raawwadha.

05 Hojii 3:16

Namichi isin argitanii fi isa beektan kun maqaa Yesuusitti amanuudhaan jabaate. Maqaa Yesuusii fi amantii karaa isaatiin dhufutu akkuma isin hundi argitan kana namicha kanaaf fayyaa guutuu kenne.

06 Fiiliphisiyuus 2:9

Kanaafuu Waaqni akka malee ol isa qabe; maqaa maqaa hunda caalus isaaf kenne.

07 Qolosaayis 3:17

Dubbiinis taʼu hojiidhaan, waan hojjettan kam iyyuu maqaa Gooftaa Yesuusiin hojjedhaa; isumaanis Waaqa Abbaa galateeffadhaa.

08 Fakkeenya 18:10

Maqaan Waaqayyoo gamoo jabaa dha; namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola.

09 Yohannis 20:31

Wantoonni kunneen garuu akka Yesuus inni Kiristoos Ilma Waaqaa taʼe akka amantaniif, amanuudhaanis akka maqaa isaatiin jireenya qabaattaniif barreeffame.

10 Hojii 4:10

isinii fi namoonni Israaʼel hundinuu waan kana beekaa; namichi kun maqaa Yesuus Kiristoos nama Naazreeti kan isin fanniftanii Waaqni immoo warra duʼan keessaa isa kaase sanaatiin fayyee fuula keessan dura dhaabata.

11 1 Qorontos 6:11

Gariin keessan akkas turtan. Taʼus isin maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi Hafuura Waaqa keenyaatiin dhiqamtaniirtu; qulqullooftaniirtu; qajeeltotas taasifamtaniirtu.

12 Maatewos 18:20

Iddoo itti namoonni lama yookaan sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti ani gidduu isaaniitti nan argamaatii.”

13 Roomaa 10:13

“Namni maqaa Gooftaa waammatu hundinuu ni fayyaatii.”

14 Yohannis 16:23-24

Gaafas isin homaa na hin kadhattan. Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; Abbaan waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu isinii kenna. Isin hamma ammaatti maqaa kootiin homaa hin kadhanne. Akka gammachuun keessan guutuu taʼuuf kadhadhaa ni argattu.

15 Hojii 2:21

Namni maqaa Gooftaa waammatu, hundinuu ni fayya.’

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban