Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Mootii Moototaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Mootii Moototaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Mulʼata 19:16

Innis uffata isaatii fi gudeeda isaa irratti maqaa barreeffame tokko qaba; maqaan sunis akkana jedha: Mootii Moototaa fi Gooftaa Gooftotaa.

02 1 Xiimotewos 6:15

Waaqni eebbifamaanii fi Bulchaan tokkichi, Mootiin moototaa fi Gooftaan gooftotaa yeroo isaatti waan kana ni mulʼisa;

03 Mulʼata 17:14

Isaanis Hoolichatti lola ni kaasu; Hoolichi garuu waan Gooftaa gooftotaatii fi Mootii moototaa taʼeef isaan moʼata; warri isa wajjin jiranis warra isaaf waamaman, warra isaaf filatamanii fi warra isaaf amanamanii dha.”

04 Faarfannaa 24:7-8

Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa; isinis balbalawwan durii, akka mootiin ulfinaa ol galuuf ol qabamaa. Mootiin ulfinaa kun eenyu? Waaqayyo jabaa fi humna qabeessa, Waaqayyo isa waraana keessattis humna qabu sanaa dha.

05 Daaniʼel 7:14

Isaafis taayitaan, ulfinnii fi mootummaan ni kenname; uummanni hundi, saboonnii fi namoonni afaan garaa garaa dubbatanis isa waaqeffatan. Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa kan hin dabarree dha; mootummaan isaas kan gonkumaa hin badnee dha.

06 Mulʼata 11:15

Ergamaan torbaffaanis malakata isaa afuufe; sagaleen guddaan, “Mootummaan addunyaa amma mootummaa Gooftaa keenyaatii fi mootummaa Kiristoos taʼeera; innis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼa” jedhu samii keessa ture.

07 Faarfannaa 47:7-8

Waaqni Mootii lafa hundaa ti; faarfannaa galataa hubannaadhaan faarfadhaa. Waaqni saboota irratti Mootii dha; Waaqni teessoo isaa qulqulluu irra taaʼeera.

08 1 Xiimotewos 1:17

Egaa Mootii bara baraa, isa hin duune, isa ijatti hin mulʼanne Waaqa tokkicha sanaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinnii fi galanni haa taʼu. Ameen.

09 Zakkaariyaas 9:9

Yaa Intala Xiyoon ati guddisii gammadi! Yaa Intala Yerusaalem iyyi! Kunoo mootiin kee qajeelaan, fayyina qabatee, gad of qabee harree yaabbatee, ilmoo harree jechuunis harree xinnoo yaabbatee gara kee dhufaa jira.

10 Faarfannaa 2:6

innis, “Ani tulluu koo qulqulluu irra, Xiyoon irra, mootii koo teessifadheera” jedha.

11 Isaayyaas 9:6-7

Mucaan nuuf dhalateera; ilmi nuuf kennameera; mootummaan gatiittii isaa irra jiraata. Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Waaqa Jabaa, Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa jedhamee ni waamama. Babalʼinni mootummaa isaatii fi nagaan isaa dhuma hin qabu. Innis murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hundeessee jabeessee dhaabuudhaan yeroo sanaa jalqabee bara baraan teessoo Daawit irra taaʼee mootummaa isaa bulcha. Hinaaffaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuus waan kana ni raawwata.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban