Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Nuuf Kadhachuuf Yeroo Hunda Jiraata
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Nuuf Kadhachuuf Yeroo Hunda Jiraata dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Kanaaf inni yeroo hundumaa waan isaaniif kadhachuuf jiraatuuf warra karaa isaatiin gara Waaqaa dhufan guutumaan guutuutti fayyisuu ni dandaʼa.
Kan itti muru eenyu? Kiristoos Yesuus isuma nuuf duʼee, kana caalaa immoo warra duʼan keessaa kaʼee mirga Waaqaa jiruu fi nuuf kadhatu sanaa dha.
Kiristoos amma iddoo keenya buʼee fuula Waaqaa duratti argamuuf samii seene malee iddoo qulqulluu kan harka namaatiin ijaarame isa fakkeenya iddoo qulqulluu kan dhugaa taʼe hin seenne.
Yaa ijoollee ko, ani akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan barreessa. Garuu yoo namni kam iyyuu cubbuu hojjete nu Abbaa biraa abukaattoo qabna; innis Yesuus Kiristoos Isa Qajeelaa sana.
“Ani warra dubbii isaaniitiin natti amananiifis malee isaan kana qofaaf hin kadhadhu; kunis yaa Abbaa, akkuma ati na keessa jirtu, anis si keessa jiru sana, akka hundi isaanii tokko taʼaniif. Akka ati na ergite addunyaan akka amanuuf isaanis nu keessa haa jiraatan.
Kanaafuu ani gurguddoota gidduutti qooda nan kennaaf; innis jajjaboota wajjin boojuu ni qooddata; inni lubbuu isaa duʼaaf kennee yakkitootatti lakkaaʼameeraatii. Taʼus inni cubbuu nama hedduu baatee yakkamtootaaf araara buuseera.
Kiristoos amma iddoo keenya buʼee fuula Waaqaa duratti argamuuf samii seene malee iddoo qulqulluu kan harka namaatiin ijaarame isa fakkeenya iddoo qulqulluu kan dhugaa taʼe hin seenne. Yookaan inni akkuma luba ol aanaa wagguma waggaan dhiiga kan isaa hin taʼin qabatee Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe seenu sanaatti yeroo baayʼee of dhiʼeessuuf samii hin seenne.
Egaa luba ol aanaa guddicha isa samiiwwan keessa darbe, Yesuus Ilma Waaqaa waan qabnuuf kottaa amantii keenya jabeessinee qabannaa. Nu luba ol aanaa dadhabbii keenya keessatti garaa nuu hin laafne hin qabnuutii; garuu kan waan hundaan akkuma keenya qorame qabna; taʼus inni cubbuu hin hojjenne. Kanaafuu akka araara argannuu fi akka ayyaana yeroo nu barbaachisutti nu gargaaru argannuuf kottaa gara teessoo ayyaanaatti sodaa malee dhiʼaannaa.