Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Mataa Waldaa Kiristaanaa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Mataa Waldaa Kiristaanaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Inni mataa dhagna isaa, mataa waldaa kiristaanaa ti; waan hunda irratti ol aantummaa akka qabaatuufis inni kan jalqabaa ti; warra duʼan keessaa kaafamuudhaanis hangafa.
Waaqnis waan hunda miilla isaa jala galche; waldaa kiristaanaatiifis mataa waan hundaa godhee isa kenne; waldaan kiristaanaa dhagna isaa ti; isheenis guutama isaa kan inni waan hunda karaa hundaan guutuu dha.
Qooda kanaa jaalalaan dhugaa dubbachaa gara isa mataa taʼe sanaatti waan hundaan ni guddanna; innis Kiristoos.
Innis mataa isa dhagni guutuun ittiin soorame, hiddaa fi ribuu isaatiinis walitti hidhamee guddina Waaqni kennuufiin guddatu sana irraa citeera.
Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif mataa taʼe sana dhirsi niitiif mataadhaatii; Kiristoos Fayyisaa waldaa kiristaanaa ti; waldaan kiristaanaa immoo dhagna isaa ti.
Waaqnis waan hunda miilla isaa jala galche; waldaa kiristaanaatiifis mataa waan hundaa godhee isa kenne;
Inni waan hunda dura jira; wanni hundinuu isumaan wal qabatee dhaabata. Inni mataa dhagna isaa, mataa waldaa kiristaanaa ti; waan hunda irratti ol aantummaa akka qabaatuufis inni kan jalqabaa ti; warra duʼan keessaa kaafamuudhaanis hangafa.
Ani akka mataan dhiira hundumaa Kiristoos taʼe, akka mataan dubartii dhiira taʼe, akka mataan Kiristoos immoo Waaqa taʼe akka beektan nan barbaada.
Qooda kanaa jaalalaan dhugaa dubbachaa gara isa mataa taʼe sanaatti waan hundaan ni guddanna; innis Kiristoos. Isumaanis kutaaleen dhagnaa guutuun ribuu walitti isaan qabuun hidhamaniiru; yommuu kutaaleen dhagnaa sun hundi hojii isaanii hojjetanittis dhagni sun jaalalaan guddatee of ijaara.
akkasuma immoo nu warri baayʼee taane Kiristoosiin dhagna tokkoo dha; tokkoon tokkoon kutaa dhagnaa kan walii isaanii ti.
Isin amma dhagna Kiristoos; tokkoon tokkoon keessanis kutaa dhagna sanaa ti.
isinis Kiristoos isa humnaa fi taayitaa hunda irratti mataa taʼe sanaan guutamtaniirtu.