Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Cubbuu Keenya Baʼate
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Cubbuu Keenya Baʼate dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Inni garuu sababii yakka keenyaatiif waraaname; balleessaa keenyaafis caccabsame; nu adabamuu isaatiin nagaa arganne; madaaʼuu isaatiin immoo fayyine.
Inni mataan isaa akka nu cubbuuf duunee qajeelummaaf immoo jiraannuuf jedhee dhagna isaatiin cubbuu keenya fannoo irratti baate; isinis madaa isaatiin fayyitaniirtu.
Hundi keenya akka hoolaa karaa irraa badnee turre; tokkoon tokkoon keenya gara karaa keenyaatti gorre; Waaqayyos balleessaa hunda keenyaa isa irra kaaʼe.
Akka nu isumaan qajeelummaa Waaqaa taanuuf Waaqni nuuf jedhee Kiristoos isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe.
Inni erga lubbuun isaa dhiphatee booddee, ifa ni arga; ni gammadas; garbichi koo qajeelaan sun beekumsa isaatiin namoota baayʼee qajeeltota taasisa; yakka isaaniis ni baata.
Dhugumaan inni dhukkuba keenya fudhate; gadda keenyas baate; nu garuu akka waan Waaqni isa dhaʼeetti, akka waan inni rukutee isa miidheetti isa hedne.
Kanaafuu ani gurguddoota gidduutti qooda nan kennaaf; innis jajjaboota wajjin boojuu ni qooddata; inni lubbuu isaa duʼaaf kennee yakkitootatti lakkaaʼameeraatii. Taʼus inni cubbuu nama hedduu baatee yakkamtootaaf araara buuseera.
akkasuma immoo Kiristoos cubbuu namoota baayʼee baachuuf jedhee yeroo tokko aarsaa taʼeera; yeroo lammaffaa immoo cubbuu baachuuf utuu hin taʼin warra isa eeggachaa jiraniif fayyina fiduuf ni mulʼata.
Kiristoosis Waaqatti isin fiduuf jedhee inni qajeelaan, warra qajeeltota hin taʼiniif siʼa tokko cubbuuf dhiphateeraatii. Inni fooniin ni ajjeefame; Hafuuraan garuu jiraataa taasifame;
inni akka fedhii Abbaa keenyaa fi Waaqa keenyaatti bara hamaa kana jalaa nu oolchuuf jedhee cubbuu keenyaaf of kenne;
Guyyaa itti aanutti Yohannis utuu Yesuus gara isaa dhufuu argee akkana jedhe; “Ilaa Hoolaa Waaqaa isa cubbuu addunyaa balleessu!